Manni Maree Bakka Bu'ootaa labsiiwwan adda addaa irratti mari’ateera

69

Finfinnee Fulbaana 29/2012 /TOI/ Manni Maree Bakka Bu'oota Ummataa walga'ii Idilee hari’a geggeessen  labsiiwwan adda addaa irratti mari’achuun koree dhaabbii dhimmi ilaaluf dabarsee jira.

Manni Maree Bakka Bu'oota Ummataa walga'ii idileesaa har’’a geggeesse.

Manni marichaa walga'ii idilee 1ffaa, bara hojii 5ffaa har'a gaggeessen haasaa preezdaant Saahilawarq Zawdeen sirna baniinsaa Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataa fi Mana Maree Federeeshiniirratti Fulbaana 26 bara 2012 argamuu dhan taasisan irratti yaada deeggarsaa dhiyaate dhaggeeffateera.

Labsii fooyyessa inshuraansii, fooyyessa labsii hojii faaynaansii xiqqaa, baajata deeggarsaa federaalaa, sirna galii waloo, wixinee labsii amala sirreessaa Federaalaa, namaan daldaluu fi seeraan ala daangaa ceesisuu ittisuuf ba'an irratti mari'atee koree dhaabbii dhimmi ilaallatuuf dabarseera. 

Waliigaltee fi wixineewwan labsii dhaabbilee adda addaa waliin taasifaman ilaaluun koree dhaabbii dhimmi isaan ilaallatuuf dabarseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015