Anga'oonni Biyyoota Afrikaa Gara Garaa Eebba Paarkii Tokkummaa Irratti Hirmaachuuf Finfinnee Galaniiru

80

Finfinnee Fulbaana 29/2012 (TOI)  Paarkii Tokkummaa hari'a ebbifamuu irratti hirmaachuuf Anga'oonnii biyyoota Afrikaa garaa garaa hari'a Itiyoophiyaa galaniiru.   

Preezdaantiin Keeniyaa Uhuuruu Keeniyaataa, Preezdaantiin Yuugaandaa Yuweerii Museveeniin, Preezdaantiin Soomaaliyaa Mohaammad Abdullaahii Mohaammad,  Preezdaantiin Sudaan Kibbaa Saalvaa Kiir Maayardiit Finfinnee galaniiru.    

Anga'oonnii kunneen buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Boolee yemmuu ga'an muummeen ministiraa Dooktar Abiy Ahimad simannaa taasisaniifiru.   

Paarkiin Tokkummaa har'a kan eebbifamuu ni ta'a.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015