Obbo Gadduu Aandaargaachaw ministira Dhimma Alaa Suudaan Kibbaa Awwat Deeng Akuuyil waliin mari'atan

73

Finfinnee, Fulbaana 28/2012 (TOI) Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Itiyoophiyaa obbo Gadduu Andaargaachaw ministira Dhimma Alaa Suudaan Kibbaa Awwat Deeng Akuuyil waliin mari'atan.

Obbo Gadduun, Awwat Deeng Akuuyil waajjira isaaniitti simatanii mariisisaniiru.  

Sadarkaa nageenya Suudaan Kibbaa fi kallattii gara fuula duraarratti mari'ataniiru.    

Nageenyi biyyattii akkaataa waliigaltee Mootummoonni Misoomaa Baha Afrikaa mijeessaniin fooyya'aa jiraachuun ibsameera.  

Qabiyyeewwan waliigaltee hafanis hojiirra oolchuurratti kan hojjetamu ta'uun ibsameera jechuun waajirri dubbii himaa dhimma alaa Itiyoophiyaa beeksiseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015