Deeppoon Atoobisii Shagolee baasii birrii milliyoona 555 ijaarame eebbifamuufi - ENA Afaan Oromoo
Deeppoon Atoobisii Shagolee baasii birrii milliyoona 555 ijaarame eebbifamuufi
Finfinnee, Fulbaana 28/2012 /TOI/ Bulchiinsa Magaalaa Finfinneetti Biiroon Geejiba magaalaa Finfinnee Deeppoo Atoobisii Shagolee baasii birrii miilliyoona 555 ijaarame sanbata dhufu ni eebbisiisa.
Bal'ina kaaree meetira kuma 52 kan qabu Deeppoon kun al tokkotti atoobisii 250 hanga 300 haala mijataa ta'een kan dhaabu akka ta’es himamee jira.
Baasiin ijaarsasaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinneetiin kan uwwifame yoo ta'u, qarshii miliyoona 555nin kan xumuramee dha.
Deeppoon kun Onkololeessa 2 bara 2012 ifatti kan eebbifamuu yoo ta'u, ijaarsi isaas koonistraakshinii biyya Chaayinaa C.S.C.S jedhamun kan hojjetame ta'un ibsameera.
Deeppoon kun keessa isaatti iddoo Suphaa konkolaataa dabalatee, iddoon konkolaatonni itti dhiqamanis kan of keessaa qabu ta'uu isaa Biiroon Geejiba magaalaa Finfinnee ibsa Tajaajila Oduu Itiyoophiyaaf ergeen ibsee jira.
Maashina boba'aa waraabu 4 kan of keessaa qabu deeppoon kun, al tokkotti Atoobisii 19 simachuu akka danda’us ibsamee jira.
Sirna eebbichaarratti Kaantiibaan Itti aanaa Magaalaa Finfinnee Injiinar Taakkalaa Uumaafi hoggantoonni olaanoo federaala akkasumas keessummoonni waamichi dhiyaateef irratti argamu jedhameera.