Jilli Shaampiyoonaa Atileetiksii AddunyaaIrratti Hirmaate Boru Finfinnee Gala

104

Fulbaana 27/2012 (TOI) – Miseensi garee shaampiyoonaa atileetiksii addunyaa 17ffaa irratti hirmaate boru Finfinnee ni galu.

Shaampiyoonaan atileetiksii addunyaa 17ffaan guyyoota 10f Dohaatti adeemsifamaa ture dorgommiiwwan Fulbaana 25 bara 2012 galgala adeemsifamaniin xumurameera.

Itiyoophiyaan shaampiyoonaa kanaan meedaaliyaa warqee lama, meetii shanii fi naasa tokkoon addunyaarraa sadarkaa shanaffaa, Afriikaarraa Keeniyaatti aanuun  lammaffaa ba’uun xumurteetti.

Kuwaataaritti Ambaasaaddarri Itiyoophiyaa adde Saamiyaa Zekeriyaa jila kana irbaata afeeraniiru.

Qophii kanarratti pirezidaantiin itti aantuun federeeshinii atileetiksiiatileet Daraartuu Tulluu Itiyoophiyaanonni Kuwaataaritti argaman deeggarsa garee kanaaf kennaniif galata galchaniiru.

Shaampiyoonaa kanaan Itiyoophiyaan maaraatoonii dhiirotaatiin atileet Leellisaa Deesisaatiin meedaaliyaa warqee, atileet Mosnet Garramuutiin meedaaliyaa meetii argatteetti.

Dhiirotaan meetira kuma shaniin Muktaar Indiriis meedaaliyaa warqee, Salamoon Baaraggaa meedaaliyaa meetii argamsiisaniiru.

Dhiirotaan meetira kuma kudhaniin Yoomiif Qajeelchaa, fageenyuma kanaan dorgommii dubartootaatiin Gudaaf Tsaggaayee meedaaliyaa meetii akkasumas dorgommii gufachiisaa meetira kuma sadiin Lammeechaa Girmaa meedaaliyaa meetii galmeessisaniiru.

Meetira kuma 1 fi 500 dubartootaan atileet Gudaaf Tsaggaayee sadaffaa ba’uun meedaaliyaa naasaa kan argamsiifte yoo ta’u, Itiyoophiyaan shaampiyoona kanaan meedaaliyoota saddet argatteetti.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015