Ayyaanni Irreechaa Nagaan akka Kabajamu Jiraattonni Finfinnee Gumaacha Taasisaniif Galata Qabu --- Obbo Shimallis Abdiisaa

60

Fulbaana 24/2012(TOI) - AyyaanniIrreechaa hora Finfinnee miidhagee nagaan akka xumuramu jiraattonni magaalaa Finfinnee, dhaabbileen nageenyaa fi miidiyaaleen gumaacha taasisfaniif bulchiinsi mootummaa naannoo Oromiyaa galateeffateera.

Pirezidaantiin itti aanaa mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa kabaja ayyaana irreechaa ilaalchisuun ibsa kennaniin jiraattonni magaalaa Finfinnee irreech dhiifama, jaalala, tokkummaa fi nageenya ta'uu hojiin waan agarsiisaniif galata qabu jedhaniiru.

Tokkummaa fi walta'uun kun guyyaa boruu ayyaana irreechaa Bishooftuu hora Arsadee irratti kabajamu irrattis akka itti fufu gaafataniiru.

Jiraattonni magaalaa Finfinnee aadaa kana akka aadaa isaaniitti fudhatanii keessummootaaf nyaataa fi bakka bultii dhiheessuudhaan aadaa Itiyoophiyummaa agarsiisan dinqisiifataniiru.

Qaamoleen nageenyaa federaalaa, Finfinnee fi naannolee qindoominaan hojjechuun ayyaanichi nagaan akka xumuramu hojii hojjetaniif galatoomaa jedhaniiru.

Akkasumas ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad ayyaanni kun Finfinneetti akka kabajamu waan taasisaniif galateeffataniiru.

Itiyoophiyaanonni guddinaa fi badhadhinatti akka ceetu waliin dhaabachuu fi aadaa walii qooduun barbaachisaa waan ta'eef 'wal haataanu wal haadandeenyu jechuun obbo Shimallis ergaa dabarsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015