Komaandi Poostiin namoota seeraan ala hidhatan 837 dabalataan qabe

57


Asoosaa Amajjii 8/2011  Meeshaa seeraan alaa hidhachuudhaan naannoowwan ollaa Beeniishaaggulii fi Oromiyaatti namoonni badiinsa lubbuu fi qabeenyaa geessisaniiru jedhamanii shakkaman 835 dabalataan qabamuunsaanii ibsame.

Miseensi komaandi poostii nageenya daangaa ollaa naannolee lamaanii bakkatti deebisuuf hundeeffame, raayyaa ittisa biyyaatti daayiraktarri indokirineeshinii fi quunnamtii ummataa ajajaa lixaa Koloneel Geetinnat Adaanee  har'a tajaajila oduu Itoophiyaatti akka himanitti, komaandi poostichi akkuma kanaan duraa torbee darbes hojiiwwan bu'a qabeessa hojjeteera.

Torbee darbe qofaa meeshaa waraanaa seeraan alaa hidhatanii nageenya naannoo jeeqaa kan turan namoonni 835 shakkamuun qabamuusaanii hubachiisaniiru.

Shakkamtoota qabaman gidduudhaa 428 naannoo Beeniishaangul Gumuuz godina Kaamaashii fi Asoosaa aanaa addaa Maa'oo Koomoo fi magaalaa Asoosaa keessaa akka ta'e himaniiru.

Kan hafan ammoo naannoo Oromiyaa Wallagga bahaa, lixaa, Horro Guduruu fi Qeellam Wallaggaa akkasumas Buunnoo Baddallee fi godinaa Iluu Abbaabooraa irraa kan qabaman akka ta'e Koloneel Geetinnat dubbataniiru.

Meeshaan namoonni kunneen hidhatan kilaasiin 61 fi qawween ammayyaa'aa hin taane 105, Shuguxii 8, meeshaaleen fincilli ittiin bittinnaa'u 17, rasaasonni kilaashii, shugguxii, moortaarii fi kanneen biroo 1123  qabamuusaanii ibsaniiru.

Akkasumas konkolaataan ayisuuzuu 9, Ambulaansonni 2, miiniibaasonni 5 fi Doqdoqqeen 26 akka qabaman himaniiru.

Kana malees namoonni kunneen kan itti fayyadamaa turan bilbilli moobaayilii 19, kaardiin bilbila moobaayilii birrii 5910, fi kompiitaroonni piriintariisaanii waliin to'atamaniiru.

Akka ibsa koloneel Geetinnatitti, meeshaaleen waraanaa, konkolaattonnii fi meeshleen biroo humni kun hidhate caasaa mootummaa fi hawaasarraa saamuun akka ta'e beekameera.

Torbee darbe baankii mootummaa fi dhuunfaa Wallagaa bahaatti saamichi raawwatamuusaa, dhaabbileen mootummaa gubachuu himaniiru.

Haleellaa naannicharra ga'een lubbuu namaarra badiin akka hin geenye komaandi poostichi xiyyeeffannoo olaanaa kennee hojjechuusaa kan hubachiisan koloneel Geetinnat, wayita ammaa kanneen badii geessisan qabuuf hojii cimaan hojjetamaa akka jiru ibsaniiru.

Naannoo rakkinichi itti uumame sochiif mijataa waan hin taaneef hatattamaan qaqqabuuf  raayyaan heeliikooptaratti fayyadamuusaa eeraniiru.

Haa ta'u malee lakkoofsi baankiiwwan saamamanii miidiyaadhaan olguddatee dhihaachuu fi humni qilleensaa naannoo kana heeliikooptaraan akka waan rukutameetti dhugaadhaa ala odeeffamaa akka jiru eeraniiru.

"Kun ammoo humni hidhate hawaasa keessa galee sodaachisuudhaan humna cimaa  akka qabu fakkeessuuf kan hojjetamudha” jedhaniiru daayiraktarici.

Namoota qabaman yeroo gabaabaa keessatti mana murtiitti dhiheessuuf gareen abbaa alangaa muummichaa federaalaa naannicha galuusaas beeksisaniiru.

Komaandi poostichaan naannolee ollaa Beeniishaangulii fi Oromiyaatti badii qaqqabeen kan har'aa dabalatee walumaa gala namoonni kuma tokkoo fi jaa'a akkasumas meeshaaleen waraanaa hedduu, konkolaattonnii fi maallaqni qabameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015