Irreechi baranaa kan injifannoo, nagayaa fi tokkummaati - obbo Shimallis Abdiisaa

117

Finfinnee Fulbaana 23/2012 Irreechi bara kana kabajamu Irreecha injifannoo, nagayaa,,tokkummaa fi bilisummaati jedhan itti aanaan pireezdaantii mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa.     

Itti aanaan pireezdaantii kana kan jedhan Feestivaala Jala bultii Irreecha Hora Finfinnee irratti has'a taasisaniin.

Irreechi hora finfinnee kun oromoon bakka salphateetti qabsoo waggaa dheeraa taasiseen kabajamee kan jedhan obbo Shimallis, waggaa 150 booda kabajamuun isaa Oromoof seenaa guddaa dha jedhaniiru.

Ayyaanni Irreechaas kan dhiifamaa, kan tokkummaa, kan jaalalaa fi kan uummatni Oromoo itti tumsudhas jechun dubbataniiru.

Ummatni Oromoo waan keessa darbe waan beekuuf injiffannoo amma argate kana kunuunsuun gara sadarkaa itti aanutti ceesisuu qabas jechun ergaa dabarsaniiru.

“Bilisummaan kun akka ifaa ganamaa walqixxummaa keenya mirkaneessaa gara fuula duraa nu tarkaanfachisaa ammaan booda gara duuba kan nu deebisuu hin jiru” jedhan. 

Irreechi baranaa kan injifannoo,kan nagaayaat ,kan tokkummaa fi mallattoo bilisummaati waan ta’eef sabaafi sablammoonni hundi jaalalaa fi tokkummaan akka kabajanis  dhaamanii jiru.

Ayyaanni Irreechaa ayyaana jaalalaafi tokkummaa ,ayyaana dhiifamaati waan ta’eef sabaafi sablammoota baayi’ee saba oromoo wajjin  kabajaa jiran  Obbo Shimallis galateeffatanii jiru.

Feestivaala Jala bultii Irreecha Hora Finfinnee kana irratti Itti aanaa pireezidaantii mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdisaa, itti aanaa kantiibaa magaalaa Finfinnee Injiinar Taakkalaa Uumaa ,obbo Jawaar Mahaammad, gaggeessitoota olaanoo, abbootiin Gadaa, Haadholiin Siinqee, qarree fi qeerroon akkasumas ummanni heddu argamaniiru.  

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015