Sabaa Fi Sab-lammoonni Finfinnee Keessa Jiraatan Addababayii Masqalaa Qulqulleessan

491

Fulbaana 23/2012 (TOI) – Ayyaana Irreechaa Hora Finfinneetti kabajamu sababeeffachuun sabaa fi sablammoonni Magaalaa Finfinnee keessa jiraatan Addabaabayii Masqalaa qulqulleessan.

Ayyaanichi ayyaana uummataa isa guddaadha, iddoo qulqullina qabutti kabajamuu qabaa, kanaaf ganamaan kaanee qulqulleessaa jirras jedhaniiru.

Ayyaanichi Finfinneetti kabajamuu isaatti gammaduun, ayyaanicharrattis hirmaachuun hanga kabajamee xumuramuttis tumsa gama isaanii akka taasisan jiraattonni kunneen himaniiru.