Pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa Irreecha Hora Finfinnee ilaalchisuun Ergaa dabarsan

239

Fulbaana 22/2012 - Kabaja ayyaana Irreechaa Hora Finfinneetti kabajamu ilaalchisuun pirezidaantiin itti aanaa mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa ergaa dabarsan akka armaan gadiitti dhiheessineerra.

Abbaa sirna Kabajamaa fi ulfaataa Irreechaa Kan taate ummata Oromoo, Kabajamtoota ilmaan aayyaa guyyaa Seena Qabeessa kana arguuf carroomtanii fi sabaa fi sablammoonni biyyattii waliin irreeffachuuf qophooftan hundi keessan baga sirna galateeffannaa Irreechaa Bara 2012 geessan, baga waliin geenye!

Irreechi guyyaa galataati. Guyyaa umamni uumaa itti jajatuu fi dinqifatudha. Golaa hanga boroo fi balbalaatti, ardaarraa hanga biyyaatti hamtuu fi toltuu dabarsan hundaaf Waaqa ykn uumaa kan itti galateeffatanidha.

Irreechi Guyyaa jaalalaati. Maatii fi waatiin, angafaa fi quxusuun, xiqqaafi guddaan kan itti wal kabajuu fi jaalala waliif qabu agarsiisudha. Ayyaana duudhaa marii fi marabbaa, mijuu fi eebba, araaraa fi utubaa waliin jireenyaati. 
Irreechi yaadaa fi qalbiin qulquilaa’uu barbaada. Haaloo kuusuu fi maqaa wal balleessuun faallaa duudhaa Irreechaati. “Gurraacha Garaa Garbaa” jechuun harkasaa Waaqatti bal’isee kadhachuu fi eebbifachuun Oromoof duudhaadha. Uumaan samii fi lafaa ni kabajama. Qulqullummaanis ni jajama.

Irreechi Guyyaa nageenyaa fi tasgabbiiti. Qoricha wal dhabdee fi jibbiinsaa, furtuu waliin jireenyaa fi wal tumsaati. Dhuka tokkummaa fi mallattoo ifaati. 
Birraan Oromoo biratti mallattoo miidhaginaati. Tibba hojiin harka Waaqaa itti jajamu dha. Boqonnaa dukkanarraa ifatti, Gannarraa Birraatti, corqaarraa gara bilchaataatti itti ce’anii dha. Marfata uumamaa hojii harka uumaa ta’e kana, Mareehoo, Mareehoo jechuudhaan kan itti dinqifatan ayyaanni Irreechaa guyyaa ifaati.

Irreechi Hora Finfinnee jaarraa tokkoo fi walakkaa booda kabajamu kun seenaa Oromoo keessatti galmee haaraa kan saaqedha. Handhuura Oromoo kan ta’e horri Finfinnee faana dhaloota ganamaa waliin deebi’ee kan itti wal argedha. Guyyaa roorroon godaanee, abbaan qe’ee balbalasaatti deebi’ee kabajaa argatedha. Burqaan Finfinnee, Araddaan Warra Duulaa harka bal’isee nu simachuun duudhaa ganamaa keenyatti nu deebise. Ayyaanni Oromoo Walla, muudni isaas Salbaana, Horri isaa Finfinneedha, jajannaan isaas waaqa.
Oromoon Hayyuu qaba. Wal morka Yaadaa ni eyyema. Ilaa fi ilaameen abboomama. Waliin hojjechuu fi nyaachuu, dhugaa moosisuu fi qalbifachuunis duudhaa ganamaa isaati. Irreechi Oromoo ayyaana dhugaan itti mandi’uu fi dhaloonni irraa hunatuu dha. Irra deebi’ee baga dhugaa duudhaa ganamaa guyyaa eenyummaa, kallacha tokkummaa Irreecha Malkaatiin isin gahe, nu gahe yammuun jedhu gammachuu guddaadhaani.

Irreechi Hora Finfinnee bara kanaa, calaqqee gaarummaa, nageenyaa, jaalalaa fi waliin jireenyaa, akkasumas, hammattummaa Sirna Gadaa Oromoo ta’ee dirree kaleessa irratti cabnerratti wayita kabajamu arguun olitti waan nama gammachiisu hin jiru.

Irreechi baranaa tokkummaa Oromoo caalmaatti kan miidhagse, ummattoota teessumaan ollaa, garaadhaan gargar fagoo kan walitti dhiyeessee fi abdii milkaa’inaa biyya demokraatawaa ijaaruu haaressee dha. 
Oromoon saba guddaa aadaa fi duudhaa Sirna Gadaa isaarraa maddeen hammachuu, waliin miidhaguu, jaalala, araaraa fi nagayaan waliin jiraachuu dhaabbata godhatee dha. Duudhaan isaa kun madda nagaa, abdii fi injifannooti. 
Irreechi Hora Finfinnee deebi’ee kabajamuun seenaa ummata Oromoo keessatti hiikoo dachaa kan qabuu dha. Sirni Gadaa madda duudhaa demokraasii ta’e deebi’ee mul’achuu fi guddachuuf carraa argateera. Akkuma sana, seenaan dabe akka sirraa’uu fi dhugaan abbaaf akka deebi’u kan taasisedha.

Hardha jaarraa tokkoo fi walakkaa booda yeroo jalqabaatiif Irreecha Hora Finfinnee wayita kabajannu, abbootii fi haadholiin Oromoo dhaloota har’aa xiiqii dhaalchisan, qabsoo ilmaan isaaniitiin afuura fudhachuun boqatu. 
Kun ammoo Oromoon rakkoo kamiifuu osoo hin jilbiinfatinii fi harka osoo hin kennatiin qabsaa’aa turuu isaatiin injifannoo gonfatedha. Oromoon bara kamuu keessa ‘har’aaf qofaa’ fi ‘ana qofaaf”, yaada jedhu hin qabu; egeree labataatiif yaadee jiraachaa fi qabsaa’aa tureera. Kan dur seenaa keessatti dhabe amma deeffachaa kan jirus kanumaafidha.

Injifannoon Oromoo har’aa seenaan awwaalame biqilee, lalisee ba’uu eegaluusaatiif ragaa dha. Oromoon jalqaba yeroo Finfinnee keessaa dhiibamee baafamu akka hin waaqeffanne dhorkame, loon isaa horatti akka hin bobbaanee fi akka baqatu taasifame; lafti irraa saamamee ilmaan isaas akka godaanan dirqisiifame. Bu’aabahii fi irraangadeen qabsoo Oromoo heddummaatus seenaan isaa awwaalamee hin hafne.

Oromoon waggaa dheeraan booda Finfinneetti deebi’ee irreeffachuun, qabsoon isaa firii gaggaarii buusaa akka jiru mul’isa. Oromoon Finfinnee Caffee Tuulamaatii Tufaa Munaatiin, Birbirsa Goorootii Qajeelaa Dooyyootiin, Teechoodhaa Guddataa Araddootiin, Booleedhaa Shabbuu Ejersaatiin, Boolee Bulbulaatii Soraa Lumeetiin, Kolfeedhaa Qaxalee Jaataniitiin, Daalattiidhaa Jamoo Dabaleetiin, Jaarsayeetii Galatee Isheeteetiin, Ekkaadhaa Abeebee Tufaatiin durfamee Irreecha Birraa malkaatti, Irreecha Arfaasaammoo tulluutti ba’uudhaan irreeffataa tureera.

Irreechi Malkaa Finfinnee yaadannoo akaakilee fi abaabileeti. Dhugaa lallabnee, dhugaaf dhaabbannee, dhugaa kan itti himannuu dha. Dhugaafis ragaa kan itti baasifannuu dha. Biyya waliin qabaannus ardaan kan abbaati. Ardaa haa cimsinu; qabeenya keenya haa kunuunsinu; xiin-sammuu dhalootaa haa ijaarru. Jibbarraa fagaannee, hammannee haqa keenya seenaa fi seeraaf falmaa seeraan haa bullu jechuu dha. Waadaa wareegamtootaa eegnee Oromiyaa haa ijaarru dhaamsa jedhus qaba.

Oromoon kaleessa roorroo hamtuu fi dukkana cillimii san keessatti jabaatee ifa hardhaa nu argineen akka geenyu kan tahe Aadaan bula, Wal mari’ata , wal dhagaha, Ijaarama qaba, Xiqqaatu guddaa kabaja, Guddaatu xiqqaa sirnaaf duudhaa barsiifatee qajeeltoo jiruu godhata.

Oromoon “Dhugaan ilma Waaqaati” jedha. Dhugaa deeffanne tikfannee Tokkummaa Oromoo haa cimsannu. Gara dhugaatti deebinee ardaa keenya haa tikfannu. Wal haa jaal’annu, waliif haa howwaannu. Wal-bira dhaabbannee tokkummaa keenya haa cimsannu. Kana goonaan duudhaan Orom-ganamaa bakkatti deebi’a. kabajaa fi sodaatamuun keenyas ni guddata dhaamsa jedhun qaba.

Oromoon akka gurmuu kannisaatti gara Hora Finfinneetti wayita timmisu arguun olitti waan hawwiin eeggamuu fi nama gammachiisu hin jiru. Injifannoon kabaja ayyaana kanaatiin ummatichi gonfates kan calqabaa yoo ta’e malee, xumura bu’aa qabsoo Oromoo miti. Hanguma barri injifannoo arguu ummatichaa dheerate, gaaffiiwwan rog-daneeyyii qabsoo Oromoo bubbulanis baay’ee dha. Kanaafuu, dhangaa injifannoo milkeeffanne dhandhamachaa karaa fagoo deemuu fi bu’aa ba’ii nu eeggatan hunda sakattaanee, injifannoo fi milkaa’inaan xumuruuf guyyaan itti waadaa keenya haaroomsinu ta’a.

Waadaan kun dhaadannoo bira darbee kutannoo, miira bira darbee ejjennoo, gumii bira darbee gamtaa cimaa, hojii galgala tokkoo taree murtii guyyaa gara guyyaa kan barbaadu ta’uun isaa dhaloota hundaan qabatamuu kan qabuudha. 
Boqonnaan irra geenye kun hedduu murteessaadha. Dhaloonni har’aa uffata aadaa isaatiin faayamee, sagalee misiraachoo dhageessisaa Adaamii hanga Garbiitti, Lumeerraa hanga Malkaa Qobosheetti, Qaaleerraa hanga Qarsaatti, Sokorruurraa Sulula Garbii qaxxaamuree hanga Tulluu Daalattiitti, Waayyuun gadi bu’ee, waddeessa qaari’ee, Birbirsa Gooroo keessa darbuun mataan isaa Hora Finfinnee tuqee wayita qillisu arguun olitti har’atti gammachuun addaa hin jiru.

Irreechi sirna addaa namni umriin, koorniyaan, ilaalcha siyaasaan, sabaa fi waan kamiinuu osoo adda hin qoodamiin baay’inaan irratti hirmaatu tahuu isaatiin addunyaarratti adda, duudhaan isaas guddaa dha.

Ayyaana kanarratti biyya keessaa fi alaa namoonni miiliyoona 10tti siiqantu hirmaata. Kun ammoo qabeenya guddaadha. Gara dinagdeetti geeddaramuus qaba. Carraa kanatti fayyadamnee Abbummaa Oromoo beeksifachaa, madda tuuriizimii keenyaa ballifachuu qabna. Dandeettii baay’ina namaa hamma biyya xixiqqoo lamaa sadihii gahu kana keessummeessuuf tooftaa madda galii fi gabaa mijeeffachuu, muuxannoo gaggaarii qooddachuun carraa hojiitti jijjiirree itti fufiinsa ijaarsa Oromiyaatiif haa fayyadamnu.

Tokko taanee wayita baanu dirree qabsoo hundarratti akka injifannu argineerra. Shira nurratti xaxamu kamuu fashaleessuu akka dandeenyu qabatamaan agarsiifneerra. Muuxannoon keenya waggoottan lamaan sadan darbanii kan mul’isus kanumadha. Ammas waan walabummaa fi birmadummaa keenya qoran hedduutu jiru. Isaan hunduu nu gufachiisuu hin danda’an. Kan Oromoon Cabuu danda’u yoo hiyyummaa ofirra bubbulchinee fi faffacaane qofa. Kanaafuu, diina keenya isa guddaa kan ta’e hiyyummaa injifachuuf hojjechuutu nurra jiraata. Aadaa hojii keenya fooy’essuun dirree misoomaa hundarratti bobbaanee injifachuuf xiiqa’uu qabna.

Kun ammoo qeenxeedhaan fiiguun osoo hin tahiin gamtaa cimsuun dhugooma. Ijaaramuun yoo sochoone fala argata. Wal utubuun irra aanna. Kanaafuu guyyaan kun guyyaa tokkummaa keenya caalaatti itti cimsannu akka nuuf tahu abdii guddaan qaba.

Kanuma faana, nageenya naannoo fi biyya keenyaatiif waardiyyaa ta’uudhaan humnoota injifannoo keenya gufachiisuuf hojjetan dura dhaabbachuun qaanessuu qabna. Hanga libsuu ijaatiif of dagachuu hin qabnu. Bakka nageenyi hin jirretti injifannoon harka keenya gale itituu, injifannoon dabalataa galmaa’uun kan yaadamu miti. Kanaafuu, irree gamtoomeen nageenya keenya haa mirkaneessinu dhaamsa jedhun dabarsa.

Hawwiin koo dabalataa, Irreechi bara kanaa kan boqonnaa haaraatti ittiin ceenuu fi injifannoorratti injifannoo dabalannu nuuf haa ta’un jedha.

Barri kun dirree hojii keenya hundarratti kan itti milkoofnuu fi abdii haaraa kan itti horannu nuuf haa ta’u. 
Tolaa nutti haa qabu, hamtuu nurraa haa qabu. Kabaja ayyaanichaarrattis tokkummaa, jaalalli, waliin jireenyi ummattoota keenyaa caalmaatti daraaree haa ba’u. 
Irreeffattoonni nagayaan ba’aa, Nagayaan Galaa.

Oromiyaa Ni Ijaarra, Itoophiyaa Ni utubna, Gaanfa Afrikaa Ni Boqochiifna!!!
Horaa Bulaa, Deebanaa!!!

Obbo Shimallis Abdiisaa I/A/P/Mootummaan Naannoo Oromiyaa
Fuulbana 2012
Finfinnee

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015