Ajandaa 2063 milkeessuuf walitti hidhinsi bittaa fi dhiheessii xiyyeeffannoon hojjetamaa jira - Gamtaa Afrikaa

71


Hawaasaa Amajji 8/2011 Ajandaa 2063 milkeessuuf walitti hidhinsi bittaa fi dhiheessii xiyyeeffannoon hojjetaa akka jiru gamtaan Afrikaa beeksise.

Qorannoon hariiroo bittaa fi dhiyeessii irratti xiyyeeffatu kun magaalaa Hawaasaatti gaggeeffamuu eegaleera.

Qorannoon kun kaleessaa magaalaa Hawaasaatti yeroo jalqabu gamtaa Afrikaatti barreessituu olaanaa bittaa aadde Teereezaa Neegukii akka jedhanitti, Afrika gara sadarkaa fooyya’aatti guddisuuf ajandaa bara 2063f qabame galmaan ga’uuf walitti hidhinsa bittaa fi dhiyeessii ariifachiisuun barbaachisaa dha.

Kaayyoon qorannichaa"Eksipartoota walitti hidhinsa  bittaa fi dhiyeesssii fayyidaa waliinii irratti hundaa’e uumuufi" dha.

Gamtichatti komishinarri bittaa, imalaa fi qabeenyaa kan ta’an aadde Kaariin Tuuree gama isaaniitiin, ajandaa 2063tti Afrikaa misoomte, nageenyaa fi bulchiinsi gaariin kan keessatti dagaage akka ta’u dhugoomsuuf xiyyeeffannoo kennuu isaanii beeksisaniiru.

Uummata eenyummaa ardii cimaa qabu ijaaruuf sadarkaa idil Addunyaatti Ardii yaada mo’ataa  qabu uumuuf hojjetamaa jira.

Bittaan walqabatee malaanmaltummaa fi rakkoo bittaarratti uumamu furuuf biyyoota Afrikaa bahaa fi kibbaa gabaa waliinii /KOMESA/, ‘Igaad’ fi Somaaliyaattii nagaa eegsisaa gamtaa Afrikaa/AMISO,/ dhaabbilee biroo gamticha jala jiran dabalatee adeemsa bittaa jiru si’eessuun barbaachisaa akka ta’e dubbataniiru.

Walitti hidhiinsi bittaa fi dhiheessii akka biyyoota ardii Afrikaatti hojiirra akka Ooluu fi kanaan walqabatee rakkoo uumamu hiikuuf akka dandeessisu ibsaniiru.

Gamtaan Afrikaa ajandawwan 2063 fi karoora  tarsiimawaa gamtichaa gara bu’aa diinagdee fi hawaasummaatti jijjiiruuf walitti hidhiinsa bittaa fi dhiheessii xiyyeeffannoon hojjechuun murteessaa ta’uu isaa eeraniiru.

Waltajjii qorannoo guyyaa shaniif turu kanarratti ‘KOMESA, IGAD,AMISO’, dhaabbilee fi biyyoonni  qaama gamtaa Afrikaa ta’an biroon fi bakka bu’oonni lojistikaa fi ogeessa olaanaa bittaa irratti hirmaachaa jiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015