Dorgommii Atleetiksii Kaleessa Galgala Doohaatti Gaggeeffameen Meetira kuma 5n Itiyoophiyaan Injifatteetti

74

Finfinnee Fulbaana 20/2012 (TOI) - Dorgommii atleetiksii kaleessa galgala Doohaatti gaggeeffameen meetira kuma 5n Itiyoophiyaan injifatteetti.  

Muktaar Idriis daqiiqaa 12 sakondii 58 fi maayikiroo sakondii 85n 1ffaa ba'uudhaan meedaaliyaa warqee argamsiiseera.   

Salamoon Baaraggaan ammoo dorgommichaan 2ffaa ba'uudhan meedaaliyaa meetii argamsiisera.

Xilaahuun Hayleen 4ffaa ba'uudhan xumureera.  

Dorgommii shaampiyoonaa atleetiksii addunyaa 17ffaa Doohaatti gaggeeffamaa jiruun Itiyoophiyaan meedaaliyaa warqee 1 fi meetii 2 argatteetti.  

Meetiin tokkichi dorgommii dubartootaa meetira kuma 5n kan argame dha.  

Ameerikaa, Chaayinaa fi Jaamaayikaatti aantee sadarkaa 4ffaarra teessetti.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015