Hojiin Daandii Asfaaltii Bishooftuu Hanga Sandaafaa Jalqaname

68

Fulbaana 19/2012  - Pirezdaantii itti aanaan Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimalis Abdiisaa daandii asfaaltii Bishooftuu hanga Sandaafaatti hojjetamu jalqabsiisan.
Gaaffii yeroo dheeraaf gaafataa turreetu deebii nuuf argate jedhan jirattoonni aanaa Gimbichuu.
Ijaarsi daandii asfaaltii Bishooftuu - Caffee Doonsaa - Saandaafaa bakka Pirezidaantii itti aanaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa argamanitti guyyaa kalessaa ifatti eglameera.
Pirojektiin daandii KM 55 uwwisu kun waggoota sadii keessatti kan xumuramu yoo ta’u, ijaarsa isaaf birriin miiliyoona 914 Mootummaa Itiyoophiyaan ramadameera.
Ijaarsi daandii kana kan raawwatamu Dhaabbata Ijaarsaa biyya keessaa Raamaa jedhamuun yoo ta'u, hojiin gorsaa ammoo qindoomina dhaabbilee biyya keessaa fi biyya Kooriyaan kan raawwatamu ta'a jedhameera.

Kan gabaase  OBN

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015