Dargaggoonni Kaayyoo Fi Mul'atasaanii Milkeessuuf Nageenyaaf Waardiyyaa Dhaabbachuu Qabu --- Dargaggoota - ENA Afaan Oromoo
Dargaggoonni Kaayyoo Fi Mul'atasaanii Milkeessuuf Nageenyaaf Waardiyyaa Dhaabbachuu Qabu --- Dargaggoota
Fulbaana 18/2012(TOI) - Dargaggoonni mul'ataa fi kaayyoosaanii milkeessuuf jeequmsaa fi hokkorarraa of eeguu akka qaban dargaggoonni Finfinneerraa yaadasaanii kennan himan.
Gaaffii dargaggootaa kan ta'e carraa hojii uumuu fi bulchiinsa gaariif xiyyeeffannaan kennamuu akka qabus gaafataniiru.
Ogeessa fayyaa kan ta'e dargaggoo Balaayi Mangasha, dargaggummaan yeroo humna hoo'aa fi miiraan socho'an waan ta'eef nageenyaa fi guddina biyyaaf mul'ata qabaatee yaada naanneffatee milkaa'ina kaayyoosaatiif mootummaas ta'e hawaasni ga'ee mataasaanii ba'uu qabu jedheera.
Dargaggeessi gaaffiilee qabu sirnaan gaafachuu akka qabuu fi gaaffii karaa nagaa gaafatamuuf qaamni mootummaa dhimmi ilaallatu deebii sirrii fi hatattamaa kennuu akka qabu dubbateera.
Dargaggoo Mokaaninti Tasfaa gamasaatiin sababoota dargaggoota gochoota hin malleef saaxilan keessaa inni olaanaan hojii dhabdummaa ta'uu eeree, rakkoo kana hiikuuf xiyyeeffannoon kennamee hojjetamuu akka qabu himeera.
Dargaggoon biyyi nagaa akka hin taane kan barbaadan namoota dhuunfaa muraasaan qajeelfamuu akka hin qabnee fi odeeffannoowwan qaama kanneen irraa argatu dhugaa ta'uu mirkaneeffachuu akka qabu gorseera.
"Abbootiin keenya seenaa sanyummaa, gosummaa fi dhiphummaa nundhaalchifne" kan jedhu dargaggoo Mokaaninti "seenaa saalfachiisaadhaan" maqaan keenya akka hin kaane har'a hojjechuu qabna jedheera.
Dargaggoon miidiyaa hawaasaa hin malleen salphaatti karaarraa akka hin maqnee fi olola sobaaf saaxilamoo akka hin taane hojiitti galchuun barbaachisaa akka ta'e kan dubbate ammoo jiraataa magaalaa Finfinnee kan ta'e dargaggoo Yohaannis Oloolooti.
Keessumaa hoggantoonni mootummaa sadarkaan jiran dargaggoof carraa hojii uumuurra darbee dargaggoota hojii uuman horachuuf haala hubannoo fi barumsi ga'aan itti argamu mijeessuu qabu jedheera.
Dargaggoo Fiqir Siiraak gamasheetiin oduuwwan dargaggoota jeequmsaa fi hokkoraaf saaxilan hedduun feesbuukiirratti akka barreeffaman dubbattee, odeeffannoowwan hin qulqulloofne adda baasuun fayyadamuun akka barbaachisu ibsiteetti.
Wayita ammaa darbee darbee kan mul'atu haala walitti bu'iinsa gosaa fi amantaa kakaasan sirriitti hubachuun akka barbaachisu eertee, mootummaan qaamolee jette jettee fi gochoota hin mallerratti hirmaatan irratti tarkaanfii fudhachuu akka qabu dubbatteetti.