Namtichi Zayitaa fi Sukkaara Karaa seeraan Alaa Kuusee Argame To'annaa Jala Oole

76

Fulbaana 16/2012 (TOI) - Magaalaa Daseetti namtichi Zaayitaa fi Sukkaara karaa seeraan alaa kuusee argame to'annaa jala ooleera.

Zayitaa fi Sukkaara mootummaan gatii xiqqaan dhiheessu namtichi magaalaa Daseetti karaa seeraan alaa kuudee argame har'a to'annaa jala oolchuusaa bulchiinsa magaalichaatti waajjirri daldalaa fi misooma gabaa kutaa magaalaa Hooxee beeksiseera.

Itti gaafatamtuun waajjirichaa adde Asteer Geetaahuun TOIf akka himanitti namtichi to'annaa jala kan oole zayitii nyaachaa addaddaa Jarikaana 231 fi sukkaara kuntaala 8 karaa seeraan alaa kuusee waan argameefi.

Kutaa magaalichaa bakka mannaahaaraa jedhamee beekamu darbii Xoosaa lakkoofsa tokko irratti eeruu ummatarraa qaqqabeen yemmuu sakatta'amu zayitii fi sukkaarri kun argameera jedhaniiru.

Shakkamaan kun to'annaa jala kan oole yoo ta'u, zayitaa fi sukkaara kana attamitti kuusuu akka danda'e qulqullaa'aa akka jiru ibsaniiru.

Kutaa magaalichaatti hawaasni hanqina zayitaa fi sukkaaraa ilaalchisee wayita komii dhageessisaa jirutti namni kun eeyyama daldalaa malee kuusee argamuunsaa sirrii akka hin taane ibsaniiru.

Gochaawwan seeraan alaa biroos to'achuuf koreen hundaa'ee hojjetamaa akka jiru adde Asteer himanii, deeggarsa  hawaasni taasiseef galateeffataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015