Koreen hoji-raawwachiiftuu ADWUI walga’ii eegaleera

43

Amajjii 8/2011 koreen hojiraawwachiiftuu  Adda Warraaqsa  Uummattoota Itoophiyaa (ADWUI)     walga’ii isaa adeemsisuu eegaleera.

Koreen hojii raawwachiiftuu kun hojii dhaabaa fi mootummaa akkasumas haala dhimma biyyattii yeroo ammaa kana ilaalchisee mari’achaa kan jiru yoo ta’u, kallattiwwanis ni kaa’a jedhamee eegama.

Yaa’ii  dhaabbatichaa 11ffaa irratti raawwiin  kallattiwwan kaa’amanii ni gamaggama jedhameera.

yaa'ii dhaabbatichaa 11ffaa ji’a Fulbaanaa darbe magaalaa Hawaasaatti gaggeeffamee  bu’uura  kallattii kaa’ameen dura taa’aa fi  itti aanaan paartilee  deeggartootaa walga'ii kana irratti hirmaataa akka jiran odeeffannoon waajjira ADWUItii  argame ni ibsa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015