Magaalaa Naqamteetti Hojii Dhabeeyyii Kuma 6 Fi 448 Ta'aniif Carraa Hojii Uumuuf Hojjetamaa Jira

91

Naqamtee Fulbaana 15/2011(TOI)-Bara qabamee jiru kana magaalaa Naqamteetti hojii dhabeeyyii kuma 6 fi 448 ta'aniif carraa hojii uumuuf hojjetamaa jiraachuu Ejensiin carraa hojii uumuu magaalichaa beekisee jira.

Hogganaan itti aanaa Ejensiichaa obbo Malkaamuu Fayisaa Tajaajila Oduu Itiyoophiyaaf akka jedhanitti dargaggoota kanneeniif carraan hojii kan laatamu waldaalee 806 ta'aaniin gurmeessuudhaani.   

Namoota carraan hojii uumamuuf keessaas kuma 3 fi 352 kan ta'aan dhaabbilee barnootaa garaa garaa irraa kanneen eebbifamanidha jedhaniiru.    

Namoota kana hojiitti galchuuf birriin miiliyoonni 207 fi kuma dhibba 3 ol ramadamuu isaas dubbataniiru.

Kurmaana qabamee jiru kanatti namoota 300 oliif carraa hojii uumuuf hal dureen xumurammaa jiraachuu dha kan himan.

Dameen hojii namoota kanaaf qopha'aanis damee koonistiraakshinii, damee Tajaajilaa, Qonnaa fi hojiin daldaalaa keessatti argamu jedhaniiru.  

Bara darbe keessa namoota kuma 4 ol ta'aniif carraan hojii kan umaame ta'uu odeeffannoon waajjirra kana irraa argamee ni agarsiisa. 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015