Yamanitti Daa’imman Miiliyoona 2 Barumsaa Ala Ta’aniiru --- Yuuniiseef

49

Fulbaana  14/2012(TOI) – Waraanarraa adda ba’uu kan dadhabde Yaman keessa kan jiraatan daa’imman miiliyoona 2 barumsaa ala ta’uusaanii dhaabbata mootummaa gamtoomaniitti dhaabbanni gargaarsa daa’immanii (Yuuniiseef) beeksiseera.

Kanneen keessaa nuusa kan ta’an A.L.A Bitootessa 2 bara 2015 eegalee barnootasaanii kan addaan kutan ta’uu dhaabbanni kun ibseera.

Yuuniiseef ibsa baaseen sababa barsiisonni waggoota lamaaf mindaa dhabaniin daa’imman kanneen biraa miiliyoona 3 tuqaa 7 barnootaa ala ta’uu akka danda’an yaaddoo uumeera.

Sababoota barattoonni barumsarraa akka fagaatan taasisa keessaa haleellaa manneen barnooaarratti fudhataman, buqqa’uu fi walitti bu’iinsa akka ta’e Yamanitti bakka buutuun Yuuniiseef Saaraa Beeyisooloo Nyaataanii dubbataniiru.

Daa’imman barnootaa ala ta’uunsaanii ijoolleen gara waraanaatti seenuuf dirqamuu fi dhiibbaa birootiif akka saaxilaman eeraniiru.

Akka odeeffannoo Yuuniiseefitti daa’imman umuriinsaanii waggaa shanii gadi ta’e miiliyoona 1 tuqaa 8 hanqina nyaataaf saaxilamaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015