Magaalaa Ambootti Qeerroon hiriira nagaa ba’an

58

Ambo Amajji 8/2011 Addi Bilisummaa Oromoo fi mootummaan nageenya itti fufiinsa qabuuf akka hojjetan Qeerroon magaalaa Amboo gaafatan.

Manneen barnootaa fi naannolee magaalichaa irraa kan dhufan Qeerroowwa kun gaaffiii kana kan dhiyeessan hiriira nagaa adeemsifamaa jiru irratti dhaadannoo qabatanii bahaniini.

Dhaadannoo Qeerroowwan kun qabatanii ba’an keessaa ``ABO fi mootummaan waliigalanii nageenyaaf hojjechuu qabu, walii galteen Eertiraatti godhan ifa haa ta’u, saamichii fi ajjeechaan lixa Oromiyaatti raawwataa jiru haa dhaabbatu, ABOn hidhannoo isaa hiikkachuun mootummaa waliin walii galee haa hojjetu, walitti bu’iinsi waliinii uummataaf bu’aa waan hin qabneef rakkoon jiru karaa nagaa hiikamuu qaba``kan jedhan ni argamu.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015