Oomishtummaa Bunaa Dachaan Guddisuun Danda’ame

65

Fulbaana 13/2012 (TOI) – Waggoota shaman darban godina Buunnoo Baddalleetti sanyiiwwan bunaa fooyya’an babal’isuuf hojiin hojjetame oomishtummaa dachaan akka guddise waajjirri qonnaa fi misooma qabeenya uumamaa beeksise.

Hogganaan itti aanaa waajjira qonnaa fi misooma qabeenya uumamaa godinichaa obbo Lijaalam Bafiqaaduu akka jedhanitti waggoota shaman darban sanyiiwwan filatamoo jiddu galeessa qorannoo qonnaa Jimmaa irraa argaman aanaalee 10 keessatti qonnaan bulaadhaan akka dhaabaman taasifamaniiru.

Waggoota shaman keessatti biqiltuuwwan miiliyoona 257 fi kuma 800 ol lafa heektaara kuma 77 fi 365 irra dhaabamuu ibsaniiru.

Sanyiiwwan bunaa kunneen heektaara tokko irraa oomisha kuntaala 12 argachuun kan danda’amu yoo ta’u, gosa toorba akka ta’anis hubachiisaniiru.

Sanyii duraan ture haaraan bakka buusuun hojii hojjetameen oomishni waggoota shan dura waggaatti toonii kuma 26 hincaalle gara toonii kuma 53 fi 600tti akka guddate ibsaniiru.

Oomishtummaan jiddu galeessaan heektaara irraa kuntaala shan hin caalle amma kuntaala toorba akka ga’e himaniiru.

Hogganaan itti aanaa kun akka dubbatanitti waggaa xumurametti godinicharraa bunni dhiqame toonii kuma 12 fi 980 ol gabaa giddu galeessaaf kan dhihaate yoo ta’u, kun ammoo waggaa afur dura kan ture toonii kuma shanii ol caalmaa akka qabu ibsaniiru.

Oomishtummaa qonnaan bulaa waan dabaleef ofumasaatii gabaaf dhiheessuu jalqabuusaa ibsaniiru.

Haala kanaan waggoota lamaa asitti qonnaan bultoonni aanaalee Beddellee, Cooraa fi Dhedheessaatti argaman 10 oomishasaanii kallattiidhaan karaa gabaa oomishaatiin gabaaf dhiheessuu akka jalqaban beeksisaniiru.

Ganna darbe godinichatti aanaalee 11 keessatti biqiltuuwwan bunaa filatamoon miiliyoona 13 ol lafa heektaara kuma afurii ol irra dhaabamaniiru.

Aanaa Cooraa irraa qonnaan bultoota misooma kana irratti hirmaatan keessaa qonnaan bulaan Zayinuu Jamaal isaan tokkodha.

Isaanis akka jedhanitti bara 2006 irraa eegalee sanyii bunaa fooyya’e kan duriitiin bakka buusuudhaan waggaa waggaan oyiruu heektaara afur irraa oomisha amma kuntaala 15 sassaabuu eegalaniiru.

Qonnaan bulaan kun akka jedhanitti sanyiin durii waggaa dheeraa turuu irraa kan ka’e waggaa waggaan firii akka hin kennine amma garuu baay’innisaa osoo hin hir’atiin firii akka kennu dubbataniiru.

Qonnaan bulaa Tafarii Mokonnin gamasaaniitiin sanyiin bunaa haaraan oomisha fooyya’aa kennuurra darbee firiinsaa akka salphaatti akka hin harcaane dubbataniiru.

Yeroo ammaa godina Buunnoo Baddallee keessatti kan argaman aanaaleen 10tti lafti heektaarri kuma 114 fi 700 ol bunaan misoomaa kan  jiru yoo ta’u, kunis bal’ina godinichaa keessaa dhibbantaa 19 akka ta’e ibsameera.

Qonnaan bultoonni kuma 100 ol ta’an misooma kanarratti hirmaachaa jiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015