Atileetonni Fiigicha Irreechaa Guddicharratti Hirmaatanii Mo'atan Badhaasa qophaa'e Fudhatan

74

Finfinnee Fulbaana 11/2012 (TOI)- Atiletonni fiigicha Irreechaa guddicharratti hirmaatanii sadarkaa 1ffaa amma sadarkaa sadaffaa ba'anii mo'ata badhaasa qophaa'eef fudhataniiru.

Haala kanan dubartootaan atileet Obsee Abdataa Lagaxaafoo lagadhaadhiirraa tokooffaa ba'uun birrii kuma 50 kan badhaafamte yoo ta'u, atileet Mastaawut Fiqree  dhuunfaan fi atileet  Anchaalem Hayimaanoot yunivarsiitii Dabrabiraanirraa wal duraa duubaa 2ffaa fi 3ffaa ba'uun birrii kuma 30 fi kuma 20 badhaafamaniiru.

Dhiirotaan Atileet Barrihuun Aragaawii suur konistiraakshiniirraa tokkoffaa, Atileet Hayilamaaram Kiroos humna ibsaa Itiyoophiyaarraa lammaffaa, Atileet Dajanee Dabalaa Intarpiraayizii hojiiwwan bishaanii Oromiyaarraa sadaffaa ba'uun wal duraa duubaan birrii kuma 50, kuma 30 fi kuma 20 badhaafamaniiru.

Pirezidaantiin itti aanaa mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimmallis Abdiisaa atileetotaaf badhaasa qophaa'e kennaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015