Ayyaanni Irreechaa Finfinneetti Kabajamuunsaa Faayidaa Dinagdee fi Hawaasummaa Qaba---Jiraattota

95

Fulbaana 10/2012(TOI) - Ayyaanni Irreechaa Finfinneetti kabajamuunsaa aadaa duudhaalee ayyaanichaa dhiheenyatti hubachuu bira darbee faayidaa dinagdee akka qabaatu jiraattonni magaalaa Finfinnee damee tajaajilaarratti babba'an TOIf ibsan.

Ayyaanni Irreechaa guyyaa galataa fi araaraa taasifamee Kan  fudhatamu yoo ta'u, waggaatti si'a lama kabajama.

Kan jalqabaa wayita ganni ba'u iddoowwan uumamaa bishaan itti argamutti, kan lammataammoo wayita Arfaasaa iddoowwan gaarreeb itti argamanitti kabajama.

Ayyaanni Irreechaa barana Hora Arsadeetiin alas Hora Finfinneerratti sirna hoo'aan Kabajuuf qophiin xumurameera.

Qaamoleen naannoo Oromiyaa dhimmichi ilaalu jidduu kana ibsa kennaniin ayyaanni Irreechaa  baazaarota, feestivaalota, fiigichaa fi konsartii muuziqaa dabalatee sirnoota addaddaatiin kabajama.

Qaama qophii kanaa kan ta'e fiigichi Irreechaa guddichi namoonni kuma 50 ol irratti hirmaatan boru Fulbaana 11/2012 Finfinneetti adeemsifama,.

Fulbaana 12 bara 2012 irraa eegalee guyyoota 10f kan turu egzibiishiniin aadaa ummata Oromoo agarsiisu kan qophaa'e yoo ta'u, waltaji=jiiwwan ummataa fi agarsiisonni addaddaa ni dhihaatu.

Dhumarrattis Fulbaana 24/2014 ayyaanni Irreechaa Finfinneetti ni kabajama.

Ayyaanni Irreechaa bifa kanaan Finfinneetti kabajamuunsaa hirmaattotamiiliyoonaan lakkaa'aman keessummeessuuf carraa waan uumuuf sochii dinagdee magaalattii keessumaa gabaan daldaltoota daldala tajaajilaarratti bobba'anii akka hoo'u taasisa jechuun kanneen yaada kennan ibsaniiru.

Naannawa Istaadiyeemii Finfinneetti bishaan saamsamee fi nyaata kanneen akka buskuutii gurguree kan jiraatu dargaggoo Ashannaafii Ayyalaa ayyaanni yemmuu jiraatu glii fooyya'aa akka argatu eereera.

Ayyaanni Irreechaa Finfinneetti kabajamuunsaa kanneen akka dargaggoo Ashannaafii daandiirratti daldalaniif faayidaa dingdee guddaa qaba.

Abbootii kaaffee fi reestoraantii magaalaa Finfinnees yaada Ashannaafii waliin kan walfakkaatu kennaniiru.

Namoonni hedduun Finfinneedhaa ala jiran ayyaana kanarratti waan hirmaataniif gabaa isaaniif faayidaa guddaa akka qabaatu dubbataniiru.

Kana tilmaama keessa galchuudhaan kan kanaan duraa caalaa qophii taasisuudhaan keessummoota simachuuf akka qophaa'an ibsaniiru.

Abbaan bunaa fi kaaffee Abugidaa obbo Xilahuun Altaayyee ayyaanni kun Finfinneetti kabajamuunsaa kabaja  ayyaana kanaa Bishooftuu Hora Arsadeetti argamee ilaaluuf kan hin dandeenye dhiheenyatti akka hirmaatu  dandeessisuu irra darbee Tuuriizimii biyya keessaa guddisuuf ni gargaara jedhaniiru.

Qophii taasisuu qaban ilaalchisee Biiroo Aadaa fi tuuriizimii Oromiyaa waliin dubbachuudhaan keessummoota Irreecha kabajuuf Finfinnee dhufaniif buna kaaffeen isaanii ittiin beekamu dhiheessuuf qophaa'aa akka jiran dubbataniiru.

Itti gaafatamaan biiroo Aadaa fi Tuuriizimii naannoo Oromiyaa obbo Girmaa Hayiluu akka jedhanitti ayyaanni Irreechaa Hora Finfinnee waggaa dheeraa eraga addaan citee booda Finfinneetti kabajamuunsaa fi guutuu biyyaattis adeemsi jijjiiramaa jalqabamuunsaa ayyaana Irreechaaa baranaa adda taasisa.

Kana malees Irreechi Finfinneetti kabajamuunsaa hojii uumuu fi faayidaa dinagdee olaanaa akka qabaatu dubbataniiru.

Ummattoonnii fi sabaa fi sab lammoonni Itiyoophiyaa hundi ayyaana kanarratti akka hirmaatan mootummaan naannoo Oromiyaa waamicha dhiheesseera.

Ayyaanni Irreechaa kun milkaa'inaan akka xumuramu ummanni hundi shoorasaa akka ba'u gaafatameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015