Ministirri Muummee Itiyoophiyaa Doktar Abiyyi Ahimadii fi Lammiin Naayijeeriyaa Bola Tinubu Badhaasa Dimokiraasii Afriikaa Injifatan

67

Fulbaana 7/2012 /TOI/ - Ministirri muummee Itiyoophiyaa Doktar Abiyyi Ahimadii fi Lammiin Naayijeeriyaa Bola Tinubu Badhaasa Dimokiraasii Afriikaa injifatan.

Ministira muummee Abiyyi waliin badhaasa kana kan injifate Mr. Tinubu’n dursaa paartii Pirogereesiiv Kongireesiiti.

Akka gabaasa guyyaa kaleessaa qaama badhaasa kana qopheesse irraa argameetti namoonni lameen hojii Dimokiraasii Afriikaa keessatti fiduuf hojjetaniin badhaafamani.

Badhaasa kana kan qopheesse waldaa Gorsitoota Siyaasaa Afriikaati jedhameera.

Dursitoonni lameen hojii sirna dimokiraasii cimsuu fi bulchiinsa gaarii mirkaneessuuf biyyoota isaanii keessatti waan gaarii hojjechuu dura taa’aan waldicha Kehinde Bamingbetan beeksisaniiru.

Keessattu jedhan Mr. Bamingbetan Doktar Abiyyi Sirna dimokiraasi diriirsuun, mirgi namoomaa akka eeggamu gochuu, bilisummaan miidiyaa akka jiraatuu fi Gaanfa Afriikatti nageenyi akka bu’uuf hojii guddaa hojjetaniiru jedhan.

Mr. Tinubu’n gama isaaniitii Filannoon Pirezidaantummaa Naajeeriyaa kan yeroo Muhaammad Buhaariin filatamanii dimokiraatawaa akka ta’uu fi biyyoota Afriikaa biroo keessattis mirgi namoomaa akka kabajamuu fi dimokiraasiin akka babal’atu hojii guddaa hojjetaniiru jechuun PUNCH wabeeffachuun  OBN gabaaseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015