Hooggantoonni Naannolee Amaaraa fi Tigraayi Nagaa fi Tasgabbii Ummattoota Lamaaniif Cimanii Hojjechuuf Waadaa Galan

59

Finfinnee Amajjii 7/2011 Sirna gamtaan gumii Amantaa fi jaarsoliin biyyaa argamanirratti hoggantoonni naannolee Amaaraa fi Tigraayi nagaa fi tasgabbii ummatasaaniitiif cimanii  hojjechuuf waadaa galan.

Gagala har’aa sirna hoteela Hiiltanitti adeemsifamerratti waadaan hoggantoonni lamaan galan akka mallattoosaaniitti akka lakkaa’amu ibsaniiru.

Abbootiin amantaa kana dura naannolee lamaan dhaquudhaan ummata dubbisanii ummattoota gudduu rakkoon akka hin jirree fi ummattoota nagaa jaalatan akka ta’an eeraniiru.

Gaggeessitoonni siyaasaa gama nagaa buusuutiin hanqina akka qaban ummanni waan ibseef sagantaan kun qophaa’uunsaa ibsameera.

Wayituma kana Pirezidaantiin bulchiinsa naannoo Amaaraa ob. Gadduu Andaargaachoo akka dubbatanitti, ummattoonni lamaan aadaa , duudhaa fi haala jireenyaa waliinii kan qaban ta’uu dubbatanii, rakkoon kamiyyuu karaa nagaa akka hiikamu ni hojjetama jedhaniiru.

Ittaanaan Pirezidaantiin bulchiinsa naannoo Tigraayi doctor Dabratsiyoon G/Mikaa’el gamasaaniitiin, hoggantoonni siyaasaa kan hin hoojjenne jaarsoliin biyyaa fi abbootiin amantaa hojjechuusaaniitiin galata galchanii, ummattoonni naannolee lamaanii haala waliin jireenyaa isaanii eeggatanii akka itti fufan gochuuf akka hojjetan mirkaneessaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015