Magaalaa Ambootti Gatiin Oomishaalee Dabaleera

66

Ambo Qaammee 6/2011(TOI) –Magaalaa Ambootti jala bultii bara haaraatti gatiin oomishaalee nyaataa baay’ee akka dabale shamattoonni ibsan.

Waajjirri daldalaa fi misooma gabaa bulchiinsa magaalaa Amboo gamasaatiin daballii gatii to’achuuf yaalii gochaa akka jiru himeera.

Baatii lamaa asitti gatiin oomishaalee qullubbii, daakuu daabboo, foonii fi Xaafii akka dabale shamattoonni yaadasaanii TOIf kennan himaniiru.

Kanneen keessaa adde Muluu Fiixaa qullubbiin diimaan kiiloon tokko birrii 15 ture birrii 34, qullubbiin adiin birrii 80 ture birrii 200tti gurguramaa akka jiru dubbataniiru.

Daakuun daabboo kiiloo tokko birrii 22 ture birrii 13 daballii argisiiseera.

Adde Baqqalech Fayyisaa gamasaaniitiin baatii lama dura xaafiin kuntaalli tokko birrii kuma 2 fi 300 ture birrii kuma 3 ga’uusaa ibsaniiru.

Dhadhaan kiiloo tokko birrii 260, Kororimaan kiiloo tokko birrii 360tti gurguramaa jira.

Baatii tokko dura foon kiiloo tokko birrii 180 yoo ta’u, yeroo ammaa birrii 240tti gurguramaa akka jiru obbo Ababaa Fakkansaa himaniiru.

Mootummaan daballii gatii hin malle to’achuudhaan furmaata akka kennuuf akka barbaadan kanneen yaada kennan dubbataniiru.

Daldalaa Shaqaxaa kan ta’an obbo Alii Mahaammad gatii kan dabalan kanneen shaqaxa dhiheessan gatii dabalanii waan gurguraniifi.

Baqqalaa Fayyisaa Qullubbii kan gurguran yoo ta’u, qullubbii Finfinneedhaa gatii mi’aa ta’een waan bittniif gatii dabalanii  akka gurguran ibsaniiru.

Waajjira misooma gabaa bulchiinsa magaalaa Ambootti to’ataan hojii daldalaa obbo Gurmeessaa Beeksisaa daldaltoonni gatii hin malle oomisharratti akka hin daballe hubannoo kennaa akka jiran dubbataniiru.

Karaa waldaalee hojii gamtaa shamattootaa sukkaarri kuntaalli kuma 1 fi 66 fi zayitiin nyaataa kuma 40 fi 830 fichisiisuun gatii madaalawaan jiraattotaaf akka qoodan taasifamuu hubachiisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015