Magaalaa Jimmaatti Maqaa amantaatiin Jeequmsa Uumuuf Sochiin Taasifamaa ture fashalaa’e

140

Qaammee 05/2011 /TOI/ - Magaalaa Jimmaatti Maqaa amantaatiin jeequmsa uumuuf sochiin taasifamaa ture hirmaannaa ummataa fi qaamolee nageenyaatiin fashalaa’uusaa Komishinarri Komishinii Poolisii Oromiyaa Komishinar Kaffaaloo Tafarraan himan.

Komishiniin Poolisii Oromiyaa haala yeroo ilaalchisuun har'a ibsa miidiyaaleef kenneera.

Komishinar Kaffaaloon wayituma kana akka jedhanitti Magaalaa Jimmaatti bataskaanni amantaa Ortodoksii gubatee jira jechuun ummata kakaasuuf namootni yaalan to'atamuusaanii himanii jiru.

Gochi kunis gara magaalota birootti akka babal’atuuf karaa qindaa’een socho’aa jiraachuusaanii kan himan komishinar Kaffaaloon shirri qaamoota kanaas tumsa ummataa fi qaamoolee nageenyaatiin rakkoon otuu hin uumamiin to’atamuusaa himanii jiru.  

Magaalaa Jimmaatti bataskaanni gubate tokkkollee akka hin jirres dubbataniiru.

Qaamoonni kunneen maqaa amantaatiin karaa qindaa’een naannoo fi biyya keenya jeequuf socho’aa kan jiran ta’uusaa himuun ummanni qaamota kanneen akkuma barameen karaa qindaa’een irratti qabsaa’uun nageenya naannoo fi biyyaaf waardiyaa dhaabachuu akka qabu himanii jiru.

Komishinar Kaffaaloon ummata naannichaa hundaaf baga jala bultii bara haaraa geessan jechuun ummanni keenya bara haaraa yoo simatuu karoorfachuun karoora isaa milkeessuuf jaalalaa fi tokkummaadhaan kabajuuf akka qophaa’u kan beekamu ta’us ummanni karoora isaa galmaan akka hin geenye qaamoleen socho’an hin dhabaman waan ta’eef ummanni dammaqinaan qaamolee nageenyaa waliin qindaa’uun eeggachuu akka qabu dhaamanii jiru.

Gabaasni kan BDhKMNOti.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015