Biiroon Qonnaa Oromiyaa Gabaa Tasgabbeessuuf Hojjechaa Akka Jiru Beeksise

132

Qaammee 05/20119 – Ayyaana bara haaraa ilaalchisuun daballii gatii hin malle  to’achuudhaan gabaa tasgabbeessuuf hojjetamaa akka jiru hoogganaan biiroo qonnaa fi qabeenya uumamaa Oromiyaa Obbo Dhaabaa beeksisan.

Obbo Dhaabaan  ibsa miidiyaaleef keennaniin akka ibsanitti, bara Oomisha 2011 omishni kan yeroo biraarraa kan dabale ta’uusaa himanii, oomishtootaa  fi fayyadamtoota  jidduu qaamni jiru qaala’iinsa gabaa akka uume himaniiru.

Rakkoo kana hiikuufis qonnaan bultoonnii fi horsiisee bultoonni omishasaanii karaa ijaarameen yuuniyeenii fi waldaalee hojii gamtaatiin fayyadamtootaaf akka dhiyaatu taasifamaa jira jedhaniiru.

Ayyaana bara haara sababeeffachuunis gabaa tasgabbeessuuf jecha magaalaa Finfinneetti giddu gala Aadaa Oromotti agarsiisnii fi baazaariin qophaa’uun qonnaan bulaan omishasaa kallattiidhaan karaa gurmaa’een fayyadamtootaaf akka dhiyeessu taasifamaa jira jiraachuus dabalanii himaniiru.

Fayyadamtoonnis ayyaanichaaf waan shamatatan gatii madaalawaadhaan omishtootarraa akka shamatatan Obbo Dhaabaan dhaamaniiru.

Gabaasni kan BDhKMNOti

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015