Nageenyaa Fi Tasgabbiin Jiraachuun Qaamootni Siyaasaa Waliigaltee Irra Akka Ga'aaniif Ni Fayada – Piroofeesar Maraaraa Guddinaa

85

Finfinnee Qaammee 02/2011 /TOI/ - Nageenyaa fi tasgabbiin jiraachuun qaamootni siyaasaa walii galtee irra akka ga'aaniif kan fayadu dha jedhan hayyuun Siyaasaa Piroofeesar Mararaa Guddinaa.

Itiyoophiyaatti nageenyi akka bu'u yoo barbaadame beektonni waa'ee nageenyaa labsuun ga'ee isaanii ba'aachuu qabu jedhaniiru.

Dabalataanis piroofeesar Mararaan akka jedhanitti nageenya biyya tokko keessatti buusuun yoo barbaadame dhimmoota barbaachisoo ta'an irratti walii galtee qabaachuun dirqama ta'a jedhaniiru.

" Wal ga'iin waan baay'ateef nageenyi hin mirkanaa'u " kan jedhan piroofeesar Mararaan dhimma walii galtee biyyoolessaa fiduu irratti hojjechuun ni barbaachisa jedhaniiru.

Wal ga'ii adda addaa yeroo garaagaraattii taasisuun barbaachisaa yoo ta'eyuu, nuyi dubachuu qofaa osoo hin taanne kan namaas dhaggeeffachuun nurra jiraata jedhaniiru.

Biyyattiitti nageenya mirkaneessuuf walii galteen ni barbaachisa kan jedhan piroofeesar Mararaan, walii galteen osoo hin jiraatiin imaammattoonni ba'an nageenya booressuu waan danda'aniif dursa dhimma biyyaa irratti walii galtee qabaachuutu barbaadama jechuun dubbataniiru.

Nageenya biyyaa daran cimsuufis dhaabbileen siyaasaa waan isaan wal fakkeessu irratti walii galanii hojjechuutu irraa egama jedhaniiru.

Dhimma nageenya biyyaa fiduuf, Dimokraasii dagaagsuuf, bulchiinsa Gaariif dursa laachuuntu barbaachisa jechuun Piroofesaar Mararaan hubachiisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015