Piroomooshiniin Aartii Bohaartii Feestivaala Aadaa Oromoo qopheessuufi

93

Qaammee 02/2011 /TOI/ - Piroomooshiniin Aartii Bohaartii Feestivaala Aadaa Oromoo Fulbaana 4 bara 2012 akka qopheessuu Hojii gaggeessaan Aartii Bohaartii Obbo Biruuk Girmaa himan.

Obbo Biruuk Girmaa kaleessa  ibsa gaazexeesitootaaf kennaniin, Feestivaalli kun Fulbaana 4 kan gaggeeffamu ta'a.

kaayyoon isaas Aadaa sabni Oromoo qabu kanneen dagataman Argee/Goobbee, Shinooyyee fi kkf Qaammee dhaloota yaadachiisuun ummanni aadaa isaa akka calaqqisiisuuf kan qophaa'e dha jedhaniiru.    

Agarsiisni kun waggaa waggaan qophaa'uun walitti dhufeenya ummata biraa waliin qabnu ni cimsa jedhaniiru.

Gaafa Qaammee 5 dubartoonni qunnii buqqifatu dhiironni qarreen ammoo shimala muratu kana cinaatti ammoo bara kana kunuunsa biqiltuu dhaabameef taasisuuf kan karoorfatan ta'uus dubbataniiru.

Haaluma kanaan Fulbaana 4 ammoo giddu gala Aadaa Oromootti waraqaan qorannoo hayyootaan dhiyaatee kan irratti mari'atamu ibsameera.

Guyyaa kana taphootni aadaa argeelaalaa fi shinooyyeen maal akka ta'an kan agarsiifamu ta'a. Kana malees sirni mijirii ibsuu kan gaggeeffamu ta'a jedhan Obbo Biruuk Girmaa.

Qindeessituu sagantichaa kan ta'an Aadde Daraartuu Araarsaa ibsicha irratti yaada kennaniin kaayyoon Feestivaala kana itti qopheessine aadaa fi eenyummaa saba Oromoo Addunyaatti beeksisuuf waan ta'eef ummanni Oromoo marti Qeerroo, Qarreen irratti argamuun aadaa kana calaqqisiifnee akka waliin beeksifnu jechuun waamicha isaanii dabarsaniiru jechuun DHKMNO gabaasera.  

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015