Hojjettootni Yunivarsiitii Jimmaa Meeshaalee Barnootaa Arjooman

71

Jimma Qaammee 01/2011 /TOI/ - Hojjettootni Yunivarsiitii Jimmaa meeshaalee barnootaa birrii kuma 500 olittii timaamamuu namoota harkaa qalleeyyiif arjooman.

Hojjettootni yunivarsiitii kun meeshaalee barnootaa kana kan arjooman manneen barnootaa Godina Jimmaa jallatti argaman 13 ta'aaniifi jedhameera.  

Pirezidaantiin Yunivarsiitii Jimmaa Doktar Jamaal Abba Fixaa sirna wal harkaa fuudhinsa meeshaalee kana irratti akka jedhanitti deeggarsi kun baratoota harka qalleeyyiif kan oluu dha.

Baruma qabamee jiru kanatti Yunivarsiitiin Jimmaa baratoota 300 ta'aniif Yuunifoormii akka hodhisiifattaniif deegarsa birrii taasisuu isaa beeksisaniiru.

Sirna wal harkaa fuudhinsa kana irratti dubbii kan taasisan Daarektarroonni manneen barnootaa akka jedhanitti deeggarsi kun qulqullina barnootaa eegsisuuf ga'een isaaii guddaa dha jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015