Muummeen Ministiraa Dooktar Abiyyi Ahimad Siinodoosii Ortodoksii ItIyoophiyaa Waliin Mari'atan

55

Finfinnee Qaammee 1/2011 (TOI) MuummeeN ministiraa Doktar Abiyyi Ahimad siinodoosii Ortodoksii ItIyoophiyaa waliin mari'atan.   

MuummeeN ministiraa Doktar Abiyyi Ahimadii fi itti aanaan muummee ministiraa obbo Dammaqaa Makonnan har'a Qaammee 1 bara 2011 Waajjira Muummee Ministiraatti siinodosii Ortodoksii ItIyoophiyaa waliin mari'ataniiru.  

Marichi gaaffii siinodoosiin mana amantittii dhiyeesseEn kan taasifame yammuu ta'u, muummeen ministiraa Doktar Abiyyi Ahimad jijjiirramaa as mootummaan mana amantittiif ilaalcha qabuu fi hojiilee hojjeterratti ibsa laataniiru.  

Paatriyaarkiin Ortodoksii Itiyoophiyaa Abuna Maatiyaasii fi phaaphaasonni biroo waltajjicharratti hirmaatan hojiilee mootummaan mana amantittii waliin hojjete tarreessanii, galateeffataniiru.

Muummeen ministiraa Doktar Abiyyi mana amantittii ilaalchsee gaaffii ka'uuf, mootummaan manni amantittii cimtee, ijaarsa biyyaatiif akka gumaachitu barbaada jedhaniiru.

Rakkoon mana amantittii mudate akkuma rakkoolee biroo jijjiirrama keessa mudataniiti jedhanii, rakkoo mudatummoo mariidhaan hiikuun barbaachisaa ta'uu ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015