Naannoo Oromiyaatti Kanfaltoota Gibiraa 152 Ta’aniif Beekkamtiin Kenname

78

Finfinnee Qaammee 01/2011 /TOI/ - Naannoo Oromiyaatti Kanfaltoota gibiraa adda duree 152 ta’aniif beekkamtiin keennameefii jira.   

Sirna beekkamtii hoteela Iskaaylaayititti gaggeeffame irratti kan argaman Itti Aanaa Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa badhaafamtootaaf baga  gammaddan jedhaniiru.   

Wayituma kana Obbo Shimallis akka jedhanitti Kanfaltoonni gibiraa galii argatanirraa gibira kanfaluu baannaan gaaffiin misoomaa ummataa deebi’uu hin danda’u waan ta’eef gibira kanfaluun dirqama.

Warri dirqamasaanii Bahaa jiraniif Mootummaan qe’eesaaniitti deeggarsa barbaachisu hunda ni keennas jedhaniiru.

Kanfaltoonni gibiraa guyyaa har’aa beekkamtii argattanis waancaa fudhachuun gara Mana keessaniitti akka deebitan otuu hin ta’iin kanfaltoota gibiraa birootiif fakkeenya ta’uun gaheesaanii akka bahan Obbo Shimallis himanii jiru.

Gibirri kanfalamu mootummaaf otuu hin taane ummataaf waan ta’eef araarama malee gibirri kanfalamuu qabu akka kanfalamu gama mootummaatiin ni hojjetamaa jedhaniiru.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa adda durummaan gibira kanfaluun fakkeenya ta’uu keessaniin hedduu isin galateeffatas jedhaniiru.  
Hiyyummaa amma keessa jirru keessaa bahuun kan danda’amu gibirri karaa guutuu ta’een yoo kanfalame qofa dhas jedhaniiru.  

Warra gibira dhoksuun fayyaasaanii dhabaniifis gibira itti gaagatamummaadhaan kanfaluun fayyaa keessan bitadhaa jedhaniiru.

Kanfaltoonni gibiraa tajaajila lammummaa keessatti adda durummaan akka hirmaatanii fi gaheesaanii akka bahan Obbo Shimallis dhaamanii jiru.

gabaasni kan :- DHKMNO ti

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015