Prezidaantiin Zimbaabuwee duraanii Roobart Gaabrel Mugaabee Waggaa 95tti Du'aan Boqotan

63

Finfinnee Qaammee 1/2011 (TOI) - Prezidaantiin Zimbaabuwee duraanii Roobart Gaabrel Mugaabee waggaa 95tti du'aan boqotan.  

Roobart Gaabrel Mugaabeen erga biyyi isaanii walabummaa argattee nama jalqaba biyyattii bulchani dha.

Prezidaanti Mugaabeen waggaa 30 aangoorraa erga turanii booda Sadaasa bara Faranjoota 2017 aangoo irraa waraanaan kaafamuun isaanii ni yaadatama.

Ministirri Barnootaa Zimbaabuwee Fadzayii Maheree fuula tiwiitara isaanii irratti “ Biyyeen sitti haa salphatu Roobart Mugaabee,'' jechuun barreessan.

Roobart Gaabrel Mugaabeen biyyaa Singaapuritti yaalamaa turuun isaani ni yaadatama.

Mugaabeen bara Faranjootaa Fulbaana 21 bara 1924 dhalatan.   

maddi:- BBC

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015