Mootumaan Damee Tuurizimii Jijjiiruuf Xiyyeeffannoo Kennee Hojjechaa Jira

71

Hagayya 28/2011 (TOI) – Damee tuurizimii amma ammaatti sirnaan misoomee faayidaarra hin oolle jijjiiruuf mootummaan yoomiyyuu caalaa xiyyeeffannaa kennee hojjechaa akka jiru ibsame.

Konfaransiin Hoteelaa fi Tuuriizimii Itiyoophiyaa kan jalqabaa Mata duree “abdii ifaa Tuurizimii Itiyoophiyaaf” jedhuun adeemsifamaa jira.

Itti gaafatamtoonni mootummaa federaalaa fi naannolee olaanoon yaa’ii kanarratti hirmaachaa jiru.

Itti aanaan muummee ministiraa obbo Dammaqaa Mokonnin yaa’ii kanarratti argamuudhaan dubbii baniinsaa taasisaniin akka ibsanitti,  mootummaan dame tuurizimiif xiyyeeffannoo guddaa kennee hojjechaa jira.

Amma ammaattis tuuriizimiin fooyyessa dinagdee biyya keessaa tokko akka ta’u murtaa’ee xiyyeeffannoo olaanaadhaan hojjetamaa akka jiru eeraniiru.

Rakkoolee dame kanaa hiikuuf qaamolee qooda fudhattoota waliin ta’uun sochiin eegalamuusaa ibsaniiru.

Mariiwwan damee hoteelaa fi tuurizimii irratti xiyyeeffatan yaa’ii kana irratti mariin akka taasifamu ni eegama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015