Bara Bajataa kana Naannoo Oromiyaatti Lammiilee Miiliyoona 1 Tuqaa 3f Hojiin Ni Uumama

165

Adaamaa Hagayya 27/2011(TOI) - Bara bajataa kana naannoo Oromiyaatti lammiilee miiliyoona 1 tuqaa 3f hojii uumuuf hojjetamaa akka jiru hojjetamaa akka jiru biiroon Intarpiraayizootaa fi misooma Industirii beeksise.

Waltajjiin mana maree Intarpiraayizootaa fi misooma Industirii naannichaa har'a magaalaa Adaamaatti adeemsifameera.

Sadarkaa pirezidaantii itti aanaatti qindeessaan kilaastara baadiyyaa naannoo Oromiyaa Dr. Girmaa Amantee akka dubbatanitti lammiileen hojii akka argatan sochiin qindaa'e taasifamaa jira.

Karoorri kun akka milkaa'u mootummaan naannichaa birrii biiliyoona 3 tuqaa 5 liqaaf qopheessuusaa hubachiisaniiru.

Lammiilee hojii dhabdummaa keessaa baasuun "hojii ijoo" mootummaa naannichaa ta'uu Dr. Girmaan hubachiisaniiru.

Qonni, Maanufaakchariingiin, ijaarsi, tajaajilli, horsiisni loonii fi daldalli dameelee hojiin ittiin uumamanidha.

Lammiilee hojiin uumamuuf keessaa dhibbantaa 37 kan ta'an dhaabbilee barnoota olaanaarraa kan eebbifamanidha. hirmaannaa dubartootaa dhibbantaa 50n ga'uuf xiyyeeffannoon addaa akka kennamuu dubbataniiru.

Itti gaafatamaan Intarpiraayizootaa fi misooma industirii naannichaa obbo Saadaat Nashaa gamasaaniitiin karooricha milkeessuuf Intarpiraayizootaaf deeggarsi akka taasifamu beeksisaniiru.

Kana malees tajaajila jiddu galeessa tokkotti kennamu bu'a qabeessa taasisuuf hojiin gabbisa dandeettii, teekinooloojii fi misooma humna namaatiin gurmeessuu fi ga'oomsuu ni hojjetama jedhaniiru.

Bara bajataa xumurametti lammiilee kuma 670 oliif hojiin uumamuu isaa fi liqiin birriin biiliyoona tokkoo ol kennamuusaa himaniiru.

Raawwiin kun birrii biiliyoona 3 tuqaa 2 ol liqii kennuuf karoorfame keessaa dhibbantaa 34 akka ta'e ibsaniiru.

Hanqinni hojmaata qindoominaa, xiyyeeffannoon damee manufaakchariif kenname xiqqaacuu, tamsa'innii fi dhiheessiin bajataa akka barbaadamu ta'uu dhabuun, haalli ilaalchaa fi nageenyaa xiqqaachuu raawwichaaf akka sababaatti eeraniiru.

Godinaaleen Jimmaa, Shawaa bahaa fi kaabaa, Arsii, Arsii lixaa fi Iluu Abbaa Booraa raawwii fooyya'aa akka galmeessisan itti gaafatamaan kun dubbataniiru.

Magaaloota keessaa Adaamaa, Shaashamannee, Buraayyuu, Laga Xaafoo, Baatuu, Galaan, Jimmaa fi Bishaan Gurraachaa raawwii gaarii akka qaban dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015