Siviil-Sarvaantiin Torbanitti Sa’aatii Dabalataa Shan Hojjechuun Dirqama Tajaajila Lammummaa Akka Bahatu Gaafatamee

91

Finfinnee Hagayya 27/2011 /TOI/ -Naannoo Oromiyaatti Tajaajila si’ataa fi qulqulluu ummataa kennuuf Fulbaana 1 bara 2012 irraa eegalee Siviil-Sarvaantiin torbanitti hojii idilee qaburratti sa’aatii Shan dabalataan hojjechuu qabu jedhame.

Fulbaana 1 bara 2012 irraa eegalee Siviil-Sarvaanttiin sa’aatii hojii amma hojjechaa jirurratti torbanitti sa’aatii Shan hojjechuun dirqama tajaajila lammummaa akka bahatu hogganaan Biiroo Dhimmoota Komunikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Admaasuu Daamxoo beeksisan.   

Hoggansii fi Caasaan Mootummaa hundumtuu boqonnaa malee hojjechuun ummatasaa tajaajiluu akka qabus jedhaniiru.    

Abbaa dhimmaa beellamaan deddeebisuu hanbisuun tajaajila si’ataa kennuu akka qabanis mootummaan karoora baranaa keessatti kallattii kaa’uu isaa himaniiru.

Obbo Admaasuun xumura waltajjii marii boqonnaa qophii karoora mootummaa bara 2012 ilaalchisuun har’a waajjirasaaniitti miidiyaaleef ibsa kennaniin addeessaniiru.   

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015