Barri Hojii 2012 Bara Hojiiwwan Gurguddoo Jalqabne Itti Xumurree Fayyadamummaa Ummata Keenyaa Sadarkaa Olaanaan Itti Mirkaneessinu Ta’uun Ibsame

54

Finfinnee Hagayya 27/2011 /TOI/ -Barri hojii 2012 bara hojiiwwan gurguddoo jalqabne itti xumurree fayyadamummaa ummata keenyaa sadarkaa olaanaan itti mirkaneessinu ta’a jechuun hogganaan Biiroo Dhimmoota Komunikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Admaasuu Daamxoo beeksisaniiru.    

Xumura Waltajjii marii boqonnaa qophii hojiiwwan gurguddoo mootummaa fi ODP bara 2012 ilaalchisuun Obbo Admaasuu har’a midiyaaleef ibsa kennaniiru.   

Barri hojii 2012 kun hojiiwwan gurguddoo jalqabaman xumuruun fayyadamummaa ummata naannichaa sadrakaa olaanaa dhaan mirkaneessuuf ejjannoon kan itti qabame dha jedhaniiru.

Waltajjii taa’amaa turerratti hoggantoonni mootummaafi paartiileen sadarkaa Federaalaa, Naannoo, Godinaalee, aanaalee fi Naannolee Ollaa 2038 argamuun hirmaataniiru.  

Jijjiirama qabsoo ummataatiin dhufeen gaaffiwwan siyaasaa, dinagdeefi hawaasummaa ummanni kaasaa turan akkamiin deebisuun fayyadamummaa ummataa mrkaneessina, qormaatileen turaniifi ammas jiran maali, akkamiin maqsinee bira dabarra kan jedhurratti xiyyeeffate dha jedhaniiru.    

Dhimmoonni biroon marii kana keessatti xiyyeeffannaa argatan caaseffama dinagdee lafa qabsiisuu, oomishaa fi oomishtummaa dabaluu, carraa hojii bal’inaan uumuu fi yaada burqisiisuun fedhii hawaasaa guutuuf halkanii fi guyyaa hojjechuu dha.

Rakkoo caaseffama dinagdee waliin walqabatee jiru keessaa tokko oomishaaleen al ergii xiqqaa ta’uu, kanaanis oomishaalee alaa galan birrii biliyoona 18 ta’ee kan alatti ergamu birrii billiyoona 3 qofa ta’uun dinagdee keenya miidheera jedhananiiru.  

Rakkoowwan bulchiinsa gaarii waliin walqabatee kenniinsa tajaajila si’ataa fi qulqulluu ummataaf kennuu, piroojektoota buleeyyii xummursiisuu, olaantummaa seeraa mirkaneessuu, misooma hawaasummaarratti jijjiirama bu’uuraa fiduu kallatii ka'aamedhas jechuun himaniiru.

Dabalataaniis Filannoo olaantummaan xumuruu, sagantaa tajaajila lammummaa eegalame itti fufiinsaasn mirkaneessuu, dhimmoota daldalaan wal qabatan daldala seeraan alaa guutumaan guutuutti dhabamsiisuu, qonna ammayyeessuun oomishaa fi oomishtummaa sadrakaa olaanaan dabaluu, sirnaan hogganuu fi Caaseffamma mootummaa fi Paartii cimsuu kanneen jedhaman marii kana keessatti xiyyeeffannoo olaanaa argachuun kan irratti mari’ataman ta’uu fi kallatiin raawwii itti Aanaa Pirezidaantii Obbo Shimallis Abdiisaa fi itti Gaafatamaa Waajjira ODP Giddu Galeessaa Obbo Addisuu Araggaatiin kennamuu Obbo Admaasuun ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015