Godina Horro Guduruu Wallaggaatti Boqqoolloon Lafa Heektaara kuma 69 Irratti Kilaastaraan Misoomaa Jira

72

Hagayya 26/2011 (TOI) - Godina Horro Guduruu Wallaggaatti qonna gannaa mala qonnaa kilaastaraatiin boqqoolloon lafa heektaara kuma 69 irratti misoomaa akka jiru waajjirri qonnaa fi misooma qabeenya uumamaa beeksise.

Godinichatti qonnaan bultoonnii fi ogeeyyonni qonnaa aanaa Abee Dongoroo gandoota 20 fi 21tti argaman biqiltuu boqqoolloo kilaastaraan faca'ee fi sochii hojii dhaabbata leenjii qonnaan bultootaa daawwateera.

Itti gaafatamaa itti aanaan waajjira qonnaa fi qabeenya uumamaa godinichaa obbo Addisuu Nagaash wayita kana akka jedhanitti, bara oomishaa kanatti naannawa Horro Guduruutti mala qonnaa kilaastaraaf xiyyeeffannopon addaa kennameera.

Ogeeyyonni qonnaa fi hoggansi sadarkaan jiru qonnaan bulaaf deeggarsa barbaachisu hunda gochuudhaan lafa godinicha keessatti sanyiin facaafame heektaara kuma 300 keessaa lafti heektaarri kuma 69 mala qonnaa kilaastariidhaan Boqqoolloon misoomaa akka jiru hubachiisaniiru.

Abee Dongoroon aanaalee godinichatti argaman 11 keessaa misooma Boqqoollootiin beekamaa ta'uu kan eeran obbo Addisuun, biqiltuun kilaastaraan misoome haala gaariirra akka jiru daawwannaa taasifameen mirkaneessuusaanii ibsaniiru.

Itti gaafatamaan itti aanaa waajjira qonnaa fi misooma qabeenya uumamaa aanichaa obbo Balaayi Ijjiguu gamasaaniitiin, "Boqqoolloo malees aanicha keessatti Boloqqee fi Ocholooniin mala qonnaa kilaastaraatiin tooraan akka facaasan taasifameera" jedhaniiru.

Malli qonnaa Kilaastaraa qoricha biifuuf, deeggarsa ogeessaa dhiheenyatti argachuuf, waliin ta'uun oomisha kunuunsuu fi qonnaan bultoota jidduutti miira waliin hojjechuu guddisuuf faayidaa guddaa qaba.

Qonnaan bulaan Firdiisaa Baayyisaa daawwannaa kanarratti kan argaman yoo ta'u, yaada kennaniin misooma Boqqoolloo kilaastaraatiin boqqoolloon heektaara tokkorraa argatan akka dabalu muuxannoo darberraa arguusaanii dubbataniiru.

Haala kanaan oomisha bara darbe kuntaala 45 argatan gara kuntaala 65tti guddisuuf hojjechaa akka jiran ibsaniiru.

Qonnaan bulaan Adam Yuusuuf gamasaaniitiin biqiltuu Boqqoolloo kilaastaraan facaasan haala gaariirra waan jiruuf heektaara tokkorraa kuntaala 70 argachuu akka danda'an dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015