Gamtaan Emireetota Arabaa Itiyoophiyaanota Kuma 30 Karaa Seeraan Alaa Byya Ishee Seenaniif Eeyyama Hojii Seera Qabeessa Kennite

144

Finfinnee Hagayya 23/2011 ( TOI) - Gamtaan Emireetota Arabaa Itiyoophiyaanota kuma 30 karaa seeraan alaa biyya ishee seenaniif eeyyama hojii seera qabeessa kennite.  

Gamtaan Emireetota Arabaa fi Itiyoophiyaan Amajjii 30 bara 2011 waliigaltee bobbii hojii walii mallatteessuun isaanii ni yaadatama.

Waliigaltichaan Itiyoophiyaan hojjettoota manaatiin ala, hojjettoota ogummaa adda addaatiin ga'oomsuudhaan biyyattiitti erguu akka dandeessu eeyyamameera.  

Hoggansi biyyattiis yeroo jalqabaatiif bakkeewwan leenjii hojjettoota Itiyoophiyaa daawwachuuf dhufaniiru.

Kolleejjota yaalaa, wiirtuulee leenjii eeyyama konkolaataa, leenjii hoteelaa fi tuuriizimii ni daawwatu jedhameera.

Ministirri Ministeera Dhimma Hojjetaa fi Hawaasummaa Doktar Ergoogee Tasfaayee waliigalticha hojiirra oolchuuf hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Walii galtichaan duras lammiilee karaa seera qabeessa hin taaneen Gamtaa Emireetota Arabaa seenan kuma 30f eeyyama hojii kennitteetti jedhan.

Ejensiiwwan seeraan ala Gamtaa Emireetota Arabaa keessa socho'aa turan 130 keessaa 94 irratti tarkaanfiin fudhatamuun, 36 akka hojjetan taasifameera.

Ejensiiwwan Itiyoophiyaa keessa jiran 549 yoo ta'an waldaalee 3 akka gurmaa'anii fi sirni to'annaa isaas akka cimu ta'eera.

Itiyoophiyaan yeroo ammaa biyyoota Baha Fagoo 4 waliin waliigaltee bobbii hojii walii mallatteessuun isaanii ni yaadatama.   

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015