Obbo Baqqalaa Mul'ataa Hojii Raawwachiisaa Waldaa Aksiyoonaa Faanaa Biroodkaast Korporeetii Ta'uun Muudaman

74

Finfinnee Hagayya 20/2011(TOI) - Tajaajila oduu Itiyoophiyaa waggoota shaniif kan gaggeessan obbo Baqqalaa Mul'ataa hojii raawwachiisaa waldaa aksiyoonaa Faanaa biroodkaast Korporeetii  ta'uun muudaman.

Hojii raawwachiisaan duraanii obbo Walduu Yimassil barumsa isaanii digirii sadaffaa jalqaban itti fufuuf boordii gaafatanii waan eeyyamaneefi itti gaafatamaan haaraan kan muudame.

Waldaa Aksiyoonichaatti hojii kan jalqaban hojii raawwachiisaan haaraa obbo Baqqalaa Mul'ataa miidiyaalee addaddaa keessatti riippoortara irraa kaasee amma qopheessaatti kan tajaajilan yoo gaazexeessummaa fi hoggansummaadhaan muuxannoo guddaa qabu.

Obbo Baqqalaa Mul'ataa digirii jalqabaa damee barnootaa gaazexeessummaa fi komunikeeshiniitiin kan argatan yoo ta'u, digirii lammaffaa biizinas adiministiraashiniidhaan argataniiru.

Daarektara tajaajila oduu Itiyoophiyaa ta'anii wayita hojjetanitti dhaabbatichi of danda'ee akka dhaabatu gochuuf hojii guddaa hojjetaniiru.

Haaluma kanaan TOI waajjira komunikeeshinii mootummaa duraanii jalaa ba'ee itti waamamnisaa mana maree bakka bu'oota ummataaf ta'eera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015