Tirasti Fandii dayaasporaatiin doolaarri miliyoona 1.9 sassaabame—Doktor Abiyyii

69

Fininnee Amajji 6/2011 Tirasti Fandiin dayaasporaatiin doolaarari miliyoona 1.9 sassaabamuu isaa ministirri muummee doktor Abiyyi Ahimad beeksisan.

Adeemsa hanga ammaatti jiruun gama iarasti fandiitiin dayaasporoota kuma kudha lamaa fi dhibbi sagal buusii taasisaniiru.

Muummichi ministiraa doktor Abiyyi Ahimad mana mare bakka bu’oota uummataatti      dhiyaatanii bajata biyyaa kan bara 2011 yeroo mirkaneessisanitti dayaasporaan misooma biyyasaarratti akka hirmaatu guyyaatti doolara tokko akka buusu gaafachuun isaanii ni yaadatama.

Haa ta’u malee hanga yeroo dhiyootti deebiin dayaaspooronni waamicha ministira muummichaaf  kennan quubsaa akka hin taane dubbatamaa tureera.

Ministirri muummichaa doktor Abiyyi Ahimad har’a dippilomaatota Itoophiyaaf ibsa kennaniin akka jedhanitti, adeemsa hanga ammaatti jiruun dayaasporaan fandii dhiyaateefiin doolaara miliyoona 1 tuqaa 9 buusaniiru.

Baasichaanis dayaasporaanota kuma kudha lamaa fi dhibba sagal hirmaachuu isaanii kan dubbatan ministirri muummichaa, kana keessaas kuma 10 fi 300 kan ta’an Ameerikaa kan jiraatanidha.

Doolaarriin  tokko tuqaa ja’a dayaasporaanota Ameerikaa jiraatan irraa  sassaabamuu isaa dabalanii ibsaniiru.

Bulchiinsa Ameerikaa kan jiraatan keessaa Meeriilaandii fi Kaalifoorniyaan  duraa duubaan naannoo buusiin guddaan irraa argame ta’uu isaanii ibsaniiru.

Addunyaarratti dayaasporaanota miliyoonotatti lakkaa’aman yoo jiraataniyyuu, buusiin taasifame quubsaa ta’uu kan dideef sababa wal amanuun hin uumamneef akka ta’e doktor Abiyyi hubachiisaniiru.

Buusii bu’u kana waan mul’atu irra oolchuudhaan walamanuun akka uuumamuuf akka hojjetamu kan dubbatan ministirri muummichaa,Maallaqni fandiin sassaabame garuu doolaara miliyoona kudhan hanga guututti faayidaarra akka hin oolle ibsaniiru.

Kunis kan ta’u naannolee fi bulchiinsota magaalotaa gidduutti qoqqoodinsa haqaa qabeessaa uumuuf akka ta’e eeraniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015