Sudaan Labsii Yeroo Ariifachiisaa Labsuushee Beeksifte

59

Hagayya 20/2011 (TOI) – Naannawa Galaana diimaatti kan argamtu bulchiinsa Poorti Sudaanitti walitti bu’iinsa gosaatiin namoonni 16 du’uusaaniitiin Sudaan labsii yeroo ariifachiisaa labsiteetti.

Bulchiinsi mootummaa cehumsaa yeroof dhaabate bulchaa kutaa bahaa fi itti gaafatamaa nageenyaa kutaa kanaa hojiirraa ari’uusaa odeeffannoon argame ni mirkaneessa.

Walitti bu’iinsi gareewwan Baanii Amiirii fi Nuubaa naannawa Poorti Sudaanitti argaman jidfduutti uumame Roobii irraa amma Sanbataatti guyyoota afuriif kan ture yoo ta’u, ka’umsi walitti bu’iinsa kanaa waanti ifatti beekame akka hin jirre gabaasni kun ibseera.

Walitti bu’iinsa kanarratti yeroo jalqabaaf meeshaan waraanaa hojiirra ooluunsaa kan ibsame yoo ta’u, dhimmicha caalaatti kakaasuuf keessaa fi alaa jidduu galuun akka ture mootummaan beeksiseera.

Poorti Sudaan magaalaa guddoo bulchiinsa galaana diimaa yemmuu tatu toora baaburri ittiin darbu akka taate odeeffatameera.

Buufanni kun shaqaxni biyyattii hedduun kan ittiin darban, akkasumas Sudaan kibbaan Zayita Boba’aa karaa ittiin baaftu ta’uunis himameera.

Sudaaniin waggoota dheeraaf bulchaa kan turan pirezidaanti Omer Al Bashiir erga aangoorraa bu’anii booda dhimma biyya bulchuurratti Siviilii fi humni loltummaa walii galuusaanii ‘BBC’ gabaaseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015