Manni Maree Bakka Bu'oota Ummataa Wixinee Labsii Filannoo, Galmee Paartilee Siyaasaa Fi Naamusa Filannoo Sagalee Guutuun Raggaasise

70

Finfinnee Hagayya 18/2011 (TOI) Manni Maree Bakka Bu'oota Ummataa wixinee labsii filannoo, galmee paartilee siyaasaa fi naamusa filannoo sagalee guutuun raggaasise.

Manni marichaa har'a walga'ii ariifachiisaa gaggeesseen wixinee labsichaarratti mari'achuudhan sagalee guutuun raggaasiseera.

Haata'uutii labsicharratti yaada dorgomtoota dhiiraa fi dubartootaa ilaalchisee dhiyaate, sagalee qixa yoo argatan dubartoonni akka injifatan taasisuuf kaa'ame sagalee caalmadhaan kuffiseera.

Sababiin isaas walqixxummaa koorniyaadhaan waan wal faallessuufi jedhameera.

Labsii har'a ragga'een hojjetaan mootummaa miseensa paartii ta'ee yoo dhiyaate, kakaasii filannoo fi dorgommiirratti yoo hirmaatu mindaa malee eeyyama akka argatu ni kaa'a.

Paartileen siyaasaa miseensota isaanii sababoota addaddaatiin miseensummaarraa haquu yoo barbaadan eeyyama mana murtii malee akka gaggeessan eeyyama laata.

Labsii ragga'een dorgomtoota dhuunfaaf mootummaan deeggarsa akka laatu murteesseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015