Itoophiyaa fi Afrikaan kibbaa walitti dhufeenyaa biyyoota lameenii irratti mari’atan

60

Finfinnee Amajji 7/2011 Ministirri muummee Itoophiyaa doktor Abiyyi Ahimad itti aanaa pirezidaantii Afrikaa kibbaa Deeviid Maabuzaanin simatanii haasofsiisaniiru.

Ministirri muummee itti aanaa pirezidaantichaa waliin kaleessaa waajjira isaaniitti yeroo mari’atanitti, quunnamtiin seena qabeessa walitti dhufeenya biyyoota lamaanii cimsuun haala danda’amurratti xiyyeeffannoo godhaniiru.

Dhiyeenya kana walga’ii ariifachiisaa gaggeessitootaa gamtaa Afrikaatti godhameen pirezidaantiin Afrikaa kibbaa Siiril Raamaafoozaa argamanii doktor Abiyyii waliin walitti dhufeenyaa fi gargaarsa biyyoota lamaanii irratti mari’achuun isaanii ni yaadatama.

Itti aaanaan pirezidaantii Afrikaa kibbaa Maabuzaa ministira muummicha doktor Abiyyi waliin walitti dhufeenya seena qabeessaa fi wal ta’insi  waliinii biyyoota lamaan gidduu jiru haala cimu irratti mari’ataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015