Caaseffamni Barnootaa Haaraan Bara 2012 Irraa Eegalee Hojii Irra Akka Oolu Ibsame

190

Finfinnee Hagayya 15/2011 /TOI/ Caaseffama haaraa kanaan waggaan 6 sadarkaa jalqabaa, waggaan 2 barnoota jiddugaleessaa, waggaan 4 ammoo sadarkaa 2ffaa akka ta'u murtaa'uusaa Ministeerri Barnootaa beeksiseera.  

Caaseffamichis 6-2-4 ta'uun fooyya'eera jedhan ministirtri Ministeera Barnootaa Doktar Xilaayee Geeteen ibsa midiyaaf kennaniin.  

Caasefama kana guutumaa guutuutti hojii irra oolchuuf waggoota 5 ni fudhata kan jedhan Doktar Xilaayeen bara 2012 irra eegalee hojiitti ni gala jedhaniiru.

Haaluma kanaan barattoonni bara kana kutaa 9ffaa galan qormaataa kanaan duraa kutaa 10ttii kenamaa ture kan hin fudhane ta'uus himaniiru.

Kanaan dura dameen barnootaa sadarkaa 1ffaadha gadii dhuunfaan qabamee ture mootummaa fi dhuunfaan kan laatamu ta'as jedhaniiru.  

Barattoonni kutaa 6ffaa yammuu xumuran qormaata naannoo qoramu jedhameera.

Qormaanni kutaa 8ffaa naannoo kanaan duraa hafee, kan biyyoolessaa ta'uu isaas dubbatanii jiru.

Haluma Kanaan qormaanni biyyoolessaa kutaa 10ffaa kanaan dura waggaa dheeraaf kennamaa ture ni hafas jedhameera.

Qormaanni kutaa 12ffaa ammoo seennii dhaabbilee barnoota olaanoof ta'uu, yookn ta'uu dhabuu akka malu ibsaniiru.

Barnoota leenjii Teeknikaa fi ogummaa ilaalchisees ibsa kennaniin akka jedhanitti barattoonni yeroo barnoota kutaa 12ffaa xumuran booda kan fudhatan ta'as jedhameera.

Ramadi barsiisootaas ilaalchise barsiisoonni digrii 1ffaa qaban sadrkaa Tokkooffaa, barsiisoonnii digrii 2ffaa qaban immoo bartoota kutaa 9ffaa hamma 12ffaa jiran kan barsiisan yoo ta'u, barnootnii oolaanoon barsiisoota digrii 2ffaa fi isaa ol qabniin kan baratan ta'uus himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015