Taphni Guutuu Afriikaa 12ffaan Moorookoo Magaalaa Raabaatitti Eegalame

125

Hagayya 14/2011 /TOI/ Taphni Guutuu Afriikaa 12ffaan qopheessummaa Moorookoon gaggeefamu magaalaa Raabaatitti sirna miidhagaan eegalameera.  
Dorgommiiwwan atileetotni 60,000 ol ta’an biyyoota Afriikaa hundarraa gosoota dorgommii 30’n wal dorgomu.
Dorgommiiwaan kunneen keessaa 17 kan ta’an Olompiika Tookiyoo bara 2020 tti adeemsifamuuf atileetota biyya bakka bu’an filachuuf gargaaru jedhameera.  

Miseensummaa Gamtaa Afriikaa keessaa baatee bara 2017tti kan deebite Moorookoon, yeroo dheeraa booda dorgommicha qopheessuun itti deebite.   
Gareen Itioophiyaa gosoota ispoortii 13’n dorgommii kanarratti hirmaachuuf Dilbata darbe Raabaat galeera.  

Madda:- BBC

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015