Kooriyaan Kaabaa Kooriyaa Kibbaa Waliin Marii Nageenyaa Akka Hin Taasifne Beeksifte

50

Hagayya 10/2011(TOI) – Kooriyaan Kaabaa “ Gochoota dogoggoraa Kooriyaa Kaabaatiin marii nageenyaa akkan hin taasifne naaf haa beekamu” jette.

Pirezidaantiin Kooriyaa Kibbaa Muun Je Iin kaleessa waa’ee walitti makamuu dubbachuusaanii sababeeffachuun ibsa deebii deebii kenniteen Kooriyaan Kaabaa murteeshee kan beeksifte.

Kooriyaan Jaappaanirraa guyyaa itti bilisoomte wayita kabajamu pirezidant Muun Je Iin haasawa taasisaniin, Kooriyaa lamaan bara faranjootaa 2045 walitti makamu jedhanii ture.

Kutaa nageenyaa fi badhaadhinaa ofirra darbee Isiyaa bahaa fi addunyaaf oolu Ardii Kooriyaa ni dhugoomas jedhaniiru.

Haa ta’u malee Piyoongiyaangi ganama har’aa Miisaayeloota lama gara qarqara galaanaatti furguggisuushee waraanni Kooriyaa Kibbaa beeksiseera.

Yeroo baatii tokko hin guunne keessatti yaalii misaayilaa taasifteetti.

Maqaan kan hin moggaasifamne qaama yaalii har’aa kan ta’an miisaa’eloonni dheerina  kiiloomeetira 230 fi dol ka’iinsa kiiloomeetira irratti furguggifamuusaaniis himameera.

Kooriyaan Kaabaa miisaayila furguggisuutti kan deebite Ameerikaa fi Kooriyaan Kibbaa shaakallii loltummaa waliin taasisuusaaniitiini.

Ardiin Kooriyaa xumura waraana addunyaa lammaffaarratti kaabaa fi kibba jedhamuun bakka lamatti ba’uunsaanii ni yaadatama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015