Sosochiin Tajaajila Lammummaa Dubartootaa Naannoo Oromiyaa Guyyaa Boruu Ifaan Eegalama --- Koree Qindeessituu

179

Finfinnee Hagayya 09/2011 /TOI/  Naannoo Oromiyaatti sosochii tajaajila lammummaa dubartootaa guyyaa boruu Hagayya 10 bara 2011 ifaan akka eegalamu koreen qindeessituu tajaajila lammummaa dubartootaa beeksiseera.

   
Walitti qabduun koree kanaa Aadde Sa’aadaa Usmaan akka jedhanitti labsii tajaajila lammummaa naannoo Oromiyaatti labsame milkeessuf hojiin hojjetamaa jira jedhaniiru.

kana keessattis gaheen dubartootaa guddaa ta’uu guyyaa boruu irraa eegalee dubartoonni tajaajila lammummaa humna dandeettii fi beekumsa qabaniin irratti akka hirmaatan hojiitti akka galamu himaniiru.

Tajaajila lammummaa sadarkaan hojjetamu hubannoo uumuun gara hojiitti galamuu isaa kan dubbatan Adde Sa’aadaan sosochii guyyaa boruu eegalamu milkeessuuf koreen dhaabbatee hanga gandaatti akka milkaa’u qindoominaan hojjetamaa jira jedhaniiru.

Sosochii guutuu Oromiyaa keessatti taasifamuun dubartoonni miiliyoona 10 ta’an akka hirmaatanis Aadde Sa’aadaa Usmaan himaniiru.


Dubartiin haadha siinqee, haadha malaa fi haadha furmaataati kan jedhan hoggantuun biiroo dhimma dubartiootaa, daa’immanii fi dargaggootaa Oromiyaa Aadde Munaa Ahimadis jijjiirama roga hundaan eegalame milkeessuuf hirmaannaan dubartootaa murteessaa dha jedhaniiru.


Bu’uruma kanaan hirmaannaa dubartootaa tajaajila lammummaa milkeessuuf guyyaa boruu irraa kaasee guutuu Oromiyaatti tajaajila lammummaa adda addaa kennuun kan gaggeeffamu ta’a.

Sosochii guyyaa boruu eegalamu kanaan hojiileen tajaajila lammummaa dubartootaan hojjetaman keessaas 1ffaa biqiltuu miiliyoona 3 tuqaa 72 dhaabuu fi kunuunsuu, 2ffaa dhiiga yuuniitii 651 sassaabuu, 3ffaa barattoota harka qalleeyyii kuma 25 ol ta’aniif meeshaalee barnootaa adda addaa deeggaruu fi
4ffaa naannoo fi manneen barnootaa qulqulleessuun keessaatti argamaa jedhaniiru.

Sosochii guyyaa boruu guutuu Oromiyaatti eegalamu kana sadarkaa seektaroota Naannoo Oromiyaatti Magaalaa Duukaamitti kan gaggeeffamu ta’uusaas koreen qindeessituu beeksiseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015