Hogganaan Basaasaa Sudaan Duraanii Ameerika Akka Hin Galle dhorkaman

51

Hagayya 9/2011 /TOI/ Hogganaan tajaajila odeeffannoo fi nageenyaa Sudaan duraanii Saalaah Gosh sababii himannaa mirga namoomaa sarbuu irratti dhiyaateef jecha Ameerika  akka   hin gallee dhorkaman.

Ibsa Haajaan biyyoota alaa Mootummaa  Ameerikaa  baaseen , Saalaah Gosh yeroo itti gaafatamaa Tajaajilawwan Nageenyaa fi odeeffannoo Biyyaaleessaa Sudaan turanitti darara mirga namoomaa keessatti hirmaachuusaaniif ragaa qabatamaa qabna jedha.

Miseensoonni maatii isaas akkasuma dhorkamaniiru.

Pirezidaantiin duraanii biyyattii Omaar al-Bashiir kan Saalaah Gosh isaan jalatti tajaajilaa turan baatii Ebla ture kan aangoorraa buufaman.

Isaan boodas mana maree humna waraanaa Ce'umsaatu biyya hogganaa jira.

Manni maree humna waraanaa hogganaa ce'umsichaa hogganaa jiruu fi Gamtaan mormitootaa gurguddoon yeroo ce'umsaa waggaa sadii Sudaan keessaatiif daandii mijeessuuf guyyaa 10 dura waliigaltee waliin mallatteessaniiru. 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015