Guyyaan horsiisee bultootaa Oromiyaa magaalaa Yaaballootti ni kabajama - ENA Afaan Oromoo
Guyyaan horsiisee bultootaa Oromiyaa magaalaa Yaaballootti ni kabajama
Finfinnee Amajjii 6/2011 Ayyaanni qonnaan bultootaa Oromiyaa 17ffaan godina Booranaa magaalaa Yaa’abaldhoottii kabajuuf qophii xumuruusaa komishiniin qindeessaa misooma naannawaa horsiisee bulaa Oromiyaa beeksise.
Ayyaanni kun Amajjii 11 amma 13 bara 2011tti “Fayyadamummaan olaanaa horsiisee bulaa, tokkummaa biyyaaf”mata duree jedhuun kabajama.
Komishinar Liiban Areeroo ibsa kennaniin ayyaana barana kabajamuun horsiisee bulaan rakkoosaa waliin ta’ee hiikuuf walitti dhufee kan mari’atuu fi muuxannoo kan itti wal jijjiirudha jedhaniiru.
Barreeffama hayyoonni naannawa horsiisee bulaatti qorannaa godhan dhiheessanirrattis mariin paanaalii ni taasifama.
Hirmaannaa horsiisee bulaan misooma biyyaa keessatti qabu guddisuu fi fayyadamummaasaa mirkaneessuuf hojiiwwan gandaan walitti qabuu gama mootummaatiin hojjetaman bu'aan quubsaan kan itti galmaa'e ta'uu kan ibsan komishinar Liiban, horsiisee bulaa qabeenya beelladaasaarraa fayyadamaa gama gochuutiin hojiiwwan hojjetaman jiru jedhaniiru.
Keessumaa ijoolleen horsiisee bulaa fayyadamoo carraa barnootaa akka ta'an manni barnootaa naannawa isaaniitti banamuu ibsaniiru.
Fayyaa horsiisee bulaa eeguuf dhaabbileen fayyaa naannawatti ijaaramanii tajaajila kennuu yoo eegalanillee, naannoon kun gammoojjii ta'uurraa kan ka'e ogeeyyonni fayyaa hojii waan gadi lakkisaniif rakkoo ta'aa akka jiru dubbataniiru.
Gama biraatiin baatiin gannaa darbuu irraa kan ka'e horsiisee bullaan iddoorraa gara iddootti deddeebi'uuf dirqamaa ture yeroo ammaa bakka jirutti bishaan lafa jalaa baasuudhaan baatii bonaa iddoo jirutti jiruusaa gaggeessaa jira.
Horsiisee bulaan akkuma qonnaan bulaa oomishaa fi oomishtummaasaa guddisee cehumsa gara industiriitti taasifamuuf shoora isaa akka gumaachu xiyyeeffannoon kennameefii hojjetamuu akka qabu komishinar Liiban hubachiisaniiru.
Yeroo ammaa horsiisee bulaaf beellada sanyii filatamaa dhiheessuu dhabuun, bishaan jallisii babal'achuu dhabuun, jijjiiramni haala qilleensaa fi walittti hidhiinsi gabaa mijaa'uu dhabuun rakkoo guddaa akka ta'e ibsaniiru.
Kana malees horsiisee bulaa gara hojii qonnaatti galchuuf hojiin jalqabbiirra jiru bu'a qabeessa akka hin taane kan eeran komishinarichi, rakkoolee kanneen hiikuuf qorannoon saayinsaawaa ni adeemsifama jedhaniiru.
Ayyaana horsiisee bulaa Oromiyaa 17ffaa irratti naannoo Oromiyaa fi naannolee horsiisee biroorraa kan dhufan horsiisee bultoonni 700 ni hirmaatu.
Ayyaana kanarratti hayyoonni naannoo horsiisee bulaaf jijjiirama fidanii fi abbootiin qabeenyaa deeggarsa taasisan beekamtiin ni kennamaaf jedhameetu eegama.
Ayyaanni horsiisee bulaa sadarkaa federaalaatti naannoo saba, sab lammootaa fi ummattoota kibbaa magaalaa Jiinkaatti Amajjii 15 amma 17 bara 2011tti kabajama.